Hariiroo mala jireenyaa fi wabii nyaataa - WordPress.com · 2017-01-19 · beeyladoota miidhan. 2....

1
Madda: Manlosa, A. et al., forthcoming. “Social-ecological system properties for food security and biodiversity” Factsheet Nr. 7, 10 September 2016 Odeeffanno dabalataaf Prof. Joern Fischer, Leuphana, Germany Email: [email protected] Web: http://foodandbiodiversity.wordpress.com/ Hariiroo mala jireenyaa fi wabii nyaataa Namni tokko malawwan jireenyaa adda addaatti fayyadamuun nyaata maatii isaa yokaan galii ittiin argata. Malawwan jireenyaa kun wabii nyaataa mirkaneessuu keessattii gahee mataa isaanii qabu. Qoranno goodina Jimmaa keessatti gaggeessineen mala jireenyaa maatiiwwan 300 ol tahan qoranne jirra. Maatiin heedduun mala jireenyaa wal-makaa yokaan mala jireenyaa adda addaa itti fayyadamu. Malawwan jireenya kunniin keessaa: omisha midhaan nyaataa kan akka xaafii, boqqolloo, bishingaa, garbuu, qamadii, ataraa, boloqqeefi baaqelaa dha. Itti dabalataanis, kan akka bunaa, caatti/jimaa, dammaa fi aannan, hojii humnaa, daldala xixiqqaa fi maallaqa biyya alaa irraa ergamuu akka mala jireenyaatti fayyadamu. Wabii nyaataa ilaalchisee, maatiin mala jireenyaa adda addaa irratti hirmaatan fakkeenyaaf midhaan galii gosa lama (bunaa fi jimaa) fi midhaan nyaataa gosa sadii hojjetan yeroo waqtii gannaa wabii nyaataa fooyyahaa akka qaban qorannon goone ni mul’isa. Baay’inni yokaan wal-makuun mala jireenyaa kanaas maatiin nyaata ofiif omishan akka sooratan ni gargaara. Akkasumas wal-makuun mala jireenyaa wabii nyaataa akka fooyyessu hubatameera. Haa ta’uyyu malee maatiin heedduun wabii nyaataa isaanii akka hinmirkaneeffanne rakkoowwan danqaa yokan dhiibbaa tahan jiru. Akka ganda Borcoo Deeqaatti, rakkowwan kanneen armaan gadii akka jiran hubatameera: 1. Rakko bineensa bosonaa kan midhaan maasaa fi boroo akkasumas beeyladoota miidhan. 2. Hanqina qotiyyo rakko dhukkuba loonin mudate. 3. Hanqina lafa qonnaa fi lafa dheedichaa. 4. Meeshaa qonnaa bitachuuf hanqina maallaqaa. 5. Gabaan bunaa gadi bu’uu 6. Qaalahuu bittaa xaa’oo. 7. Dhukkuba namaa kan hojii qonnaa hankaakessu. Rakkoowwan kana furuuf gargaarsi uummataaf godhamu fi ummanni akka mala jireenyaa adda addaa fayyadamu gochuun wabii nyaataa mirkaneessuuf faayidaa guddaa qaba. Dhaamsa ijoo Qotee bulaan mala jireenya adda addaa irratti hirmaatu wabi nyaataa foyya’aa qaba. Yeroo warra midhaan bitanii fayyadaman wajjin wal madaalsifnu, maatiin midhaan omisherraa hanga gannaatti nyaatu wabii nyaataa fooyya’aa qabaata. Rakkooleen mala jireenyaa heedduun hawaasa muudatan jiru. Isaanis hawaasni wabii nyaataa mirkaneefachu akka hindandeenye miidhu. Gargaarsi dhaabbileewwaniin rakoo kana furuuf godhamu wabii nyaataa hawaasaa mirkaneessuu keessatti gahee cimaa qaba. Yaada cuunfaa

Transcript of Hariiroo mala jireenyaa fi wabii nyaataa - WordPress.com · 2017-01-19 · beeyladoota miidhan. 2....

Page 1: Hariiroo mala jireenyaa fi wabii nyaataa - WordPress.com · 2017-01-19 · beeyladoota miidhan. 2. Hanqina qotiyyo rakko dhukkuba loonin mudate. 3. Hanqina lafa qonnaa fi lafa dheedichaa.

Madda: Manlosa, A. et al., forthcoming.  

“Social-ecological system properties for food security and biodiversity” Factsheet Nr. 7, 10 September 2016  

Odeeffanno dabalataaf Prof. Joern Fischer, Leuphana, Germany • Email: [email protected] • Web: http://foodandbiodiversity.wordpress.com/

               

 

Hariiroo mala jireenyaa fi wabii nyaataa

  Namni tokko malawwan jireenyaa adda addaatti fayyadamuun nyaata maatii isaa yokaan galii ittiin argata. Malawwan jireenyaa kun wabii nyaataa mirkaneessuu keessattii gahee mataa isaanii qabu. Qoranno goodina Jimmaa keessatti gaggeessineen mala jireenyaa maatiiwwan 300 ol tahan qoranne jirra. Maatiin heedduun mala jireenyaa wal-makaa yokaan mala jireenyaa adda addaa itti fayyadamu. Malawwan jireenya kunniin keessaa: omisha midhaan nyaataa kan akka xaafii, boqqolloo, bishingaa, garbuu, qamadii, ataraa, boloqqeefi baaqelaa dha. Itti dabalataanis, kan akka bunaa, caatti/jimaa, dammaa fi aannan, hojii humnaa, daldala xixiqqaa fi maallaqa biyya alaa irraa ergamuu akka mala jireenyaatti fayyadamu. Wabii nyaataa ilaalchisee, maatiin mala jireenyaa adda addaa irratti hirmaatan fakkeenyaaf midhaan galii gosa lama (bunaa fi jimaa) fi midhaan nyaataa gosa sadii hojjetan yeroo waqtii gannaa wabii nyaataa fooyyahaa akka qaban qorannon goone ni mul’isa. Baay’inni yokaan wal-makuun mala jireenyaa kanaas maatiin nyaata ofiif omishan akka sooratan ni gargaara. Akkasumas wal-makuun mala jireenyaa wabii nyaataa akka fooyyessu hubatameera. Haa ta’uyyu malee maatiin heedduun wabii nyaataa isaanii akka hinmirkaneeffanne rakkoowwan danqaa yokan dhiibbaa tahan jiru. Akka ganda Borcoo Deeqaatti, rakkowwan kanneen armaan gadii akka jiran hubatameera: 1. Rakko bineensa

bosonaa kan midhaan maasaa fi boroo akkasumas beeyladoota miidhan. 2. Hanqina qotiyyo rakko dhukkuba loonin mudate. 3. Hanqina lafa qonnaa fi lafa dheedichaa. 4. Meeshaa qonnaa bitachuuf hanqina maallaqaa. 5. Gabaan bunaa gadi bu’uu 6. Qaalahuu bittaa xaa’oo. 7. Dhukkuba namaa kan hojii qonnaa hankaakessu. Rakkoowwan kana furuuf gargaarsi uummataaf godhamu fi ummanni akka mala jireenyaa adda addaa fayyadamu gochuun wabii nyaataa mirkaneessuuf faayidaa guddaa qaba.

Dhaamsa ijoo § Qotee bulaan mala jireenya adda addaa irratti hirmaatu wabi nyaataa foyya’aa qaba. § Yeroo warra midhaan bitanii fayyadaman wajjin wal madaalsifnu, maatiin midhaan omisherraa hanga gannaatti nyaatu

wabii nyaataa fooyya’aa qabaata. § Rakkooleen mala jireenyaa heedduun hawaasa muudatan jiru. Isaanis hawaasni wabii nyaataa mirkaneefachu akka

hindandeenye miidhu. § Gargaarsi dhaabbileewwaniin rakoo kana furuuf godhamu wabii nyaataa hawaasaa mirkaneessuu keessatti gahee cimaa

qaba.

Summary  

→ Yaada cuunfaa  

Summary