Galata - PHE Ethiopia

52

Transcript of Galata - PHE Ethiopia

Page 1: Galata - PHE Ethiopia
Page 2: Galata - PHE Ethiopia

2 3

Kan Maxxansisee

Dhaabbata Dhimma Ummataa, Fayyaa fi Naannoo Itoophiyaa Qindaawaa (PHE-Ethiopia Consortum)Lakk. Bilbilaa - +251 - 11- 663 0833/ +251 - 11 - 860 8190 Faaksii - +251 - 11 - 663 8127L.S.Poostaa 4408Fifinee, Itoophiyaa

E-mail: [email protected] [email protected]

www.phe-ethiopia.org

Galata

Barreeffamni kun akka fiixaan bahu gargaarsa mallaqaa kan godhee Dhaaba Waa’ee Qilleensa Baramaa Irratti Hojjatu (SCIP) ennaa ta’u, Dhaabbannii Dhimma Ummataa, Fayyaa fi Naannoo Itoophiyaa Qindaawaa (PHE-Ethiopia Consortium) galata guddaa dhiyeessa.

Barreffama kana garagalchaa elektirooniksii fuula weeb-saayitii irraa argachuun ni danda’ama.

Afaan Oromootti Fooyyeessee Kan Hiike:Habiib Galgaluu

Muddee 2006Finfinnee,Itoophiyaa

Page 3: Galata - PHE Ethiopia

2 3

BAAFATA

1.Oo‘a Addunyaa---- 7

1.1 Oo’i Addunyaawaa Maali?---- 71.2 Sababban garaagarummaa qilleensa baramaa uumamaatii fi Oo’a addunyaawaa---- 91.3 Sochii namaatiin jijjiirama elemeentota qilleensa Marsaa lafaa---- 101.4 Jijjiiramni elemeentota qilleensa naannawa lafaa Oo’i akka dabalu taasisuu---- 12

2. Jijiirama Qilleensa Baramaa---- 14

2.1 Jijjiiramni qilleensa baramaa maali ?---- 142.2 Akkaataa Jijjiirama qilleensa baramaa ---- 152.3 Rakkoolee jijjiirama qilleensa baramaa ---- 16 2.3.1 Dandeettii haallan adda addaatti fayyadamuu---- 17 2.3.2 Dandeettii saffisaan balaa irraa dandamachuu(Resilience)-1 7 2.3.3 Wantoota badii geessisan (Hazards)---- 17 2.3.4 Balaa/Gaagama/(Risk)---- 18 2.3.5 Barbadaa’iinsa (Disaster)---- 18 2.3.6 Too’annaa balaa barbadaa’iinsaa---- 182.4 Dhiibbaawwan jijjiirama qilleensa baramaa---- 182.5 Jijjiirama qilleensa baramaa qolachuu/ittisuu---- 222.6 Jijjiirama qilleensa baramaa fooyyeessuu---- 27 3. Marsaa Kaarboonii fi Dhiibbaa Mana Magariisaa Daaw’itee---- 28

3.1 Bosonaa fi JIjjiirama Qilleensa Baramaa---- 283.2 Bosonaa fi Marsaa Kaarboonii---- 283.3 Bosonaa fi Xuuxinsa Kaarboonii---- 293.4 Marsaa Kaarboonii---- 293.5 Dhiibbaa gaasii mana magariisaa----30

4.Jijjiirama Qilleensa Baramaa fi Lubbu- qabeeyyii----324.1 Lubbu- qabeeyyii irratti dhiibbaa jijjiirama qilleensa baramaa---32

Page 4: Galata - PHE Ethiopia

4 5

4.2 Haallan faca’iinsa lubbu-qabeeyii irratti dhiibbaa uuman Kanniin biroo---- 354.3 Jijjiirama qilleensa baramaa fooyyeessuun lubbu-qabeeyyii kunuunsuu---- 37

5. Itoophiyaatti Naannoolee/Bakkeewwan Eegaman----37

5.1 Haallan naannoolee eegamanii---- 37 5.1.1 Barbaachisummaa naannoolee eegamanii---- 37 5.1.2 Rakkoolee gurguddoo naannoolee eegamanii---- 385.2 Akaakuuwwan faca’iinsa naannoolee eegamanii---- 395.3 Naannoolee eegamanii fi haala qilleensa baramaa misooma Magariisaa---- 43 5.3.1 Tarsiimoo CRGE---- 443 5.3.2 Damee bosonaa irratti xiyyeeffannaa guddaa CRGE---- 44 5.3.3 Manii CRGE dame bosonaa bara 2030---- 45

Kitaabilee Wabii---- 48

Page 5: Galata - PHE Ethiopia

4 5

Tartibban Gabaajeewwanii

ADB Asian Development BankASEAN Association of South East Asian NationsASFN ASEAN Social Forestry NetworkCBD Convention on Biological DiversityCRGE Climate Resilient Green EconomyDRR Disaster Risk ReductionEPA Environmental Protection AuthorityEWCA Ethiopian Wildlife Conservation AuthorityMDGs Millennium Development GoalsGHG Green House GasGtCO2e Giga tones of carbon dioxide equivalentGt Giga tones(equivalent to billion metric tones)GTP Growth and Transformation PlanIPCC Intergovernmental Panel for Climate ChangeMtCO2e Mega tones of carbon dioxide equivalentMt Mega tones(equivalent to million metric tones)NAPA National Adaptation Programme for Action° C Degree CelsiusOECD Organization for Economic Co-operation and DevelopmentPHE EC Population , Health and Environment Ethiopia ConsortiumREDD Reducing emissions from deforestation and degradationSNNPR Southern Ethiopia Nations, Nationalities, and Peoples Regional StateUNEP United nations Environmental ProgrammeUNFCC United Nations Framework Convention on Climate ChangeWMO World Meteorological OrganizationWTO World Trade Organization

Page 6: Galata - PHE Ethiopia

6 7

Page 7: Galata - PHE Ethiopia

6 7

Barreeffama Waa’ee Jijjiirama Qilleensa Baramaa Irratti Gumiiwwan Banooota Kunuunsa Naannoo Paarkii Biyyoolessa Hawaasiitiif Qophaa’e

1. Oo’a Addunyaawaa1.1 Oo’i addunyaa maali?

Oo’i addunyaa dabalaa deemuun qilleensi baramaan ni jijjiirama. Qaamman dachee fi bishaana’oo irratti waqtiilee hunda keessatti hammi oo’iinsaa

ni dabala. Roobni cimaan yeroo deddeebi’uun roobu balaan bishaanii badii guddaa dhaqqabsiisa Hammi oo’iinsaa baay’inaan dabaluun hammi hurka’iinsaa akka saffisu taaisa. Haramni biyyee ni dabala. Caamni/ hoongeen ni babaldhata.

Naannoo qarqara garba Arkitikiitti cabbiin galaanaa keessattii argamu ni gaggaragala.Naannoo Alps, Alaaskaa fi Giriin laad akkasumas, miil-jalee gaarreen wal qabatoo, naannoo sararran dagalee gad aanaa addunyaatti argamantti cabbiin saffisaan baqaa jira. Haalli kun ammoo daangaan sarara bishaanii akka ol ka’uu fi hammi dabaliinsaa akka ol guddatu taasisa. Akka pirojekshiiniin eegumsa qilleensa baramaa agarsiisutti (muldhisutti) gara fuulduraatti jijjiiramni qilleensa baramaa guddaan akka dhufu ibsa.

Dhiibbaan jijjiirama qilleensa baramaa hawaasaa fi naannoo uumamaa irratt rakkoo wal xaxaa ta’e fida. Bineeldonnii fi biqiltoonni sanyiiwwan adda addaa gara bakkeewwan ol ka’oo fi bantiiwwaniitt akkuma oo’i dabaluum baduu danda’u. Baay’inni lakkoofsa ummataa dabaluu fi magaalota qarqara galaanotaa keessatti sochiileen misomaa babaldhachuun hawaasa naannootiif eegumsi gahaan taasifamuu dhabuun hammi bishaanii sirrii galaanaa olitti dabalaa deemuu fi hammi oo’iinsaa balaa guddaaf akka saaxilaman taasisa.

Jijjiiramni qilleensa baramaa guddaan faca’iinsa naannoo uumama (Ecosystem) hawaasni irratti abdatee jiiraatu irratti jeequmsa guddaa geessisa. Bakkeewwan hojiiwwan qonnaa fi oomisha midhaaniitiin duraan beekamoo ta’uun turan gara bakkeewwan aramaa fi lubbu-qabeeyyii miidhaa geessisuu danda’anitti jijjiiramu. Qabeenyi bishaanii naannoolee baay’ee keessatti hammaa fi waqtiileen uumamuun hanqinni bishaanii akka uumau taasisa,Naannooleen qarqara galaanaatti ok ka’iinsi hamma bishaanii dabaluu ededa galaanarraa fi lafa dakee naannoo irraa biyyeen akka haramtu godha.Yeroo dheeraa keessattii fi hammi dabaliinsa oo’aa guddataa deemuun hammi du’aatii namoota rakkoof saaxilamanii akka guddatu taasisa. Bakkkeewwan tokko tokko keessatti wal hormaata bookee busaatii fi ilbiisota adda addaatiif haalli mijaa’aan uumamuun dhibeewwan daddarboon akka saffisaan babaldhatan waan taasisuuf kana ittisuu fi dhabamiisuu tattaaffii cimaan godhuun barbaaehisaa ta’a. Walitti hidhamiinse aadaa fi barteewwan naannoo lubbu-qabeeyyii akkuma qilleensi baramaan jijjiiramuun/ jeeqamuun gara baqannaatti deemuun jireensa marsaa biqiltootaa, bineeldotaa, ummataa fi bakkeewwan jireenya lubbu-qabeeqqii irratti miidhaa geessisa.

Jijjiiramni qilleensa baramaa fi wantoonni sababa kanniiniin naannoo uumamaa irratti dhufan hammaan dabaluun rakkooleen fooyya’iinsa walitti

Page 8: Galata - PHE Ethiopia

8 9

fufiinsa qabu argachuu baannaan haallan hawaasa irratti dhiibbaa guddaa uuma. Dabalataanis, yeroo gabaabaa keessattis Kaayyoo Misooma Bar-kumee (Milleninium Development Goals (MDGs Dhaabbata Mootummoota Gamtaa’anii fiixaan baasuuf dhiibbaa guddaa geessisa. Baroota kurnoota dhufan keessatti dabaliinsi oo’aa, jijjiirama jiidhinsa qilleensaa, jiidhinsi biyyee keessaa saffisaan baduun jijjiiramni teessuma lafa naannoo akka saffisu (dabalu), naannoo baay’eetti hojiin qotiisaa baay’ee akka rakkisaa ta’uu fi hanqinni qabeenya bishaanii yaaddoo guddaa akka ta’u godha.

Bokkeenni (roobin) cimaa fi bubbeen hobomboleettiin ummata naannoo labbaa gaarreenii irra jiraatan, sulullan laggeenii keessa jiraatanii fi naannoolee qarqara galaanootaa jiraatan irratti haramni biyyee bara baraan uumamu rakkoon guddaan akka irra gahu godha. Uumamu/ka’umsa/ ibidda bosonaatiif haalli mijaa’aan uumamuun carraan badiitii manniinii fi qabeenya biroo (daandiiwan) geessisuu fi qabeenyaa uumamaa ummanni ittiin jiraatus ballessa.

Dabalatanis jijjiramni qilleensa baramaa faalamni qillensaa akka uumamu taasisa. Itti fufiinsaanis miidhaa dhala namaa irraan gayuun hanqinni (badiitin) oomisha midhaanii akka gayuu godha. Hurkii bishaanii, Kaarboondaayooksaayidiin(CO2), Miiteenin (CH4), Ozooni fi Diinaayitiroojiin ooksaayidiin (N2O) gaasota oo’aa akka gara hawaatti hin badne ittisuun fuulla lafa irratti akka oo’i uumamu taasisu.

Haalli kunis irra caalaa bishaan fuulaa lafaa irratti argamu akka bifa dhangla’aatiin turuu fi lubbu – qabeeyiin adda addaa naannoo mudhii lafaa irraa kaasee hangaa qarqara bantiiwwanitti akka keessa jiratan taasisee jira. Akka ragaaleen baroota seenaa Ji’ooloojii fi haallan qillensaa baramaa durii muldhissanitti jijjiiramni kuufama gaasiiwwan oo’aa uuman kanneen keessatti uumame seenaa lafaa keessatti jijjiirama qilleensa baramaa uumamaatiif isa guddaadha.

Sababni isaa yadaa kana akka fudhatamuu tasiisuu kan dandeessisu (amansiisu) sababan uumamaa caalaa jijjiirama qillenssa baramaa uumamuuttif sochii dhala nama ta’uu fi jijjiiramni haala qindoomina qilleensa marsaa lafa (atmosphere) uumamu jijjiirama qillensa baramaa fiduun jijjiiramaa qilleensa baramaa yeroo ammaa muldhatu isa baroota duriitiin wal bira qabamee yoo ilaalamu irra caalaa ta’ee muldhatuu isaati.

Babaldhina hojii qonnaa, bosonaa fi qurxummii waliin kan walqabate haalli jijjiirama qilleensa baramaa fi baay’ina lakkoofsa ummataa fi inveestmeentiwwan sochiile misoomaa naannoolee sulula laggeenii fi qarqarran galaanootaa keessatti guutuu addunyaatti adeemsiifaman jijjiiramaa qabatamaa qilleensa baramaa keessatti uumu.Kunis keessattuu, jijjiiramnii fi garaagarummaan haala faca’insa roobaa, jiidhinsa biyyee, lolaa bishaanii, marsii bubbee waqtiile fi ol ka’insa sarara bishaani sirrii irra galaanaa akka uumamu tasisuun dhiibban qabaatamaa ta’e akka uumamu godhee jira.Amalaa fi hammi guddinaa miidhaa jijjiirama qilleensaa kana irratti hunda’uu balbaldhina haallan ibsamanii qofa ooso hin ta’in balaaf saxilamuu fi eegumsa gahaa dhabuu fa’a. Haallan dhibba uuman kunniinis yeroo babaldhataa deeman haala qaabatama jiddu-galeessa ta’e keessaa bahuun sochii hawaasaa irratti badii geessisu. Jijjiiramni qilleensa baramaa ol aanan, balaaf saaxilamuu fi eegumsa gahaa ta’e dhabuun haallan hedduun walqabatan. Isaan keessaas, Jijjiirama qilleensa baramaa sochii dhala namaatiin dhufuu fi garaagarummaa uumamaan qilleensa uumamaa keessatti muldhatu sochii misooma dinagdee fa’a.

Page 9: Galata - PHE Ethiopia

8 9

Miidhaa jijjiirama qilleensa baramaatiin gahu ittisuu fi haala jijjirama qilleensa baramaa mijaa’aa taasisuuf itti gaafatamummaan fudhatamuu qabu hamma balaaf saxilamuu fi eegumsa gahaa ta’e dhabuu fooyeessuu fi dandeettii saffisaan irraa dandamachuu uumachuun yoo guutumaa guututti balleessuun dadhabames balaa jijjiiramaa qilleensa baramaatiin dhufu xiqqeessuu tarkaanfii fudhachuun murtessaa ta’a. Waan kana ta’eef,haala jiru fooyyeessuu fi qolachuun bakka tokkotti wal-qabsiisanii itti fayadamuun soda jijjiirama qilleensa baramaatiin dhufu xiqqeessuun akka danda’amuu fakki armaan gadii irraa ilaaluun hubachuun ni danda’ama.

Fakki 1- Eegumsa gahaa dhabuun jijjiirama qilleensa baramaa fi soda balaa hirdhisuu

Maddi WMD and UNEP,2012

1.2 Garaagarummaa Qilleensa Uumamaa Oo’a Addunyaatiif Sababa Ta’uu

Hurki bishaanii, Kaarboondaayooksaayidii(CO2), Oozonii fi Dinaayitiroojiin(N20) “gaasota oo’aa” uumamaan jiraachuun oo’i (humni) caarallaa biiftuu irraa dhufu deebi’ee gara hawaatti akka hin badne ittisuun fuula lafaa irratti oo’i akka uumamu taasisaniidha.

Bu’aan oo’aa hamma sadarkaa gaasota oo’aa uumamaa kanniin irratti hundaa’a. Adeemsi kunis irra caalaan bishaan addunyaa bifa dhangala’aan akka turuu fi lubbu-qabeeyyiin baay’een akka keessa jiraatan taasisee jira. Akka ragaaleen baroota Ji’ooloogii fi halaa qilleensa durii muldhisanitti jijjiiramni kuufama gaasiiwwan oo’iinsaa keessatti uumame seenaa lafaa keessatti jijjiirama qilleensa baramaa uumamuutiif isa guddaadha.

Qorannoowwan yeroo dhihoo akka muldhisanitti sochiin dhala namaa sababban uumamaa caalaa gumaacha guddaa godhuu, jijjiiramni wantoota qindeessitoota qulleensa marsaa lafa a keessatti uumamu jijjiirama qilleensa baramaa yeroo ammatii fi baroota durii keessatti muldhatu wal bira qabuun madaaluun garaagarummaa jiru hubachuun ni danda’ama. Hojiiwwan qonnaa, bosonaa fi qurxummii uumamaan jijjiirama qilleensaatiif gahee guddaa qaban. Dabalataanis qubannaa ummataa, misooma inveestimeentii

Page 10: Galata - PHE Ethiopia

10 11

(diinagdee) naannoolee sulullanii, laggeenii fi qarqarran galaanootaatti sadarkaa adduyaatti adeemsifamanii irratti dhiibbaa guddaa uumu. Naannoo kamittuu jijjiiramni qabatamaan qilleensaa uumamu roobaa, jiidhinsa biyyee, lolaa bishaanii, marsaa qilleensaa, faca’iinsa waqtiilee fi sadarkaa ol ka’iinsa sarara bishaanii sirrii irra galaanaa irratti jijjiirama guddaa uumuun dhiibbaa geessisa.

1.3 Sochiin Dhala Namaa Qindeessitoota Qilleensa Marsaa Lafaa Jijjiiruu

Hojii qonnaatiif jecha dhala namaatiin biqiltoonni uumamaa ciramanii akka badan taasifamuun hamma kuufama oo’a uumamaan qilleensa marsaa lafaa keessatti argamu irratti dhiibbaa uuma. Jijjiirama oo’a addunyaa bar-kumeetiifis gumaacha guddaa godhee jira.

Warraaqsi industirii bara 1750 muldhate eegaliinsaa fi sadarkaa ol aanaatti babaldhachuu dhiibbaa jijjiirama qilleensaatiif itti fayyadama qaamman bineeldotaa fi biqiltoota (Fossil fule) baroota durii du’anii bosbosan bobeessuun gaasii Kaarboondaayooksaayii (CO2) qilleensa naannootti akka gad lakkifamu (kattallee boba’aa, peetirooli yeemii fi gaasii uumamaa) taasisee jira.

Yeroo ammaa gubatiinsi wantoota boba’nii kunniin anniisaa dhalli namaa hojiiwwan industirii, qonnaa, manniin jireenyaa, dhaabbilee daldala fi tajaajila adda addaa fi geejjibaa keessatti itti fayyadaman keessaa 80% ennaa ta’u, gad lakkifamiinsi hamma Kaarboondaayooksaayidii (CO2) waggoota kudhan kudhaniin 10% kan hamma bara Warraaqsi Industirii jalqabeen qilleensa Marsaa Lafaa keesssatti argamuuna wal gitu dabaluu irratti argama.

Haaluma wal fakkaatuun biqiltoota qaama dachee(lafaa) irraa ciruu fi biyyee qotuun Kaarbooniin qaama dachee keessatti argamuu fi kan duraan biqiltootaan xuuxamuun qaamaa fi hiddoota biqiltootaa keessatti kuufamu, qaamman lubb-qabeeyyii du’anii, hammi kuufama Kaarboondaayooksaayidii(CO2) akka Qilleensa Marsa Lafaa keessatti dabalu taasisanii jiru. Hammi Kaarboonii Qiilleensa Marsaa Lafaa keessatti kuufame akka xiqqaatu godhuuf biqiltoota deebisanii dhaabuu dhiisuun dabaliinsa (CO2) haala mijaa’aa uuma. Bara 1750 kaasee itti fayyadamiinsi kattallee boba’aa, peetirooliymii fi gaasii uumamaa fi biqiltoota lafa irraa ciranii balleessuun Qilleensa Marsaa Lafaa keessatti hammi (CO2) 35% oliin akka dabalu taasisee jira.

Dabalataanis Qilleensa Marsaa Lafaa keessatti dabaliinsi kuufama(CO2) sochiin dhala namaatiin hammi Miiteenii(CH4), baay’inaan Kaarboondaayooksaayidii (CO2) caalaa akka qilleensa marsaa lafaa keessatti dabalu godhee jira. Babaldhinni oomisha midhaanii,horsiisa loonii fi hoolotaa,hammi gattaawwan jajjaboo fi dhangala’oo dabaluu, dhangala’oowwan hojii kattalleewwan boba’an baasanii fi ujummoowwan gaasii uumamaa keessaa looyuun bahanii fi sochiiwwan dhala namaa birootiin uumaman hammi kuufama Miiteenii (CH4) qilleensa marsaa lafaa keessatti gara 150% tiin kan bara industiriin eegaluun duraa irra akka dabalu godhee jira.

Haaluma walfakkaatuun sochiileen industirii fi qonnaa hammi kuufama Dinaayitiroojiinii ooksaayidii (N2O) kan bara industiriin eegaleetiin wal bira qabamee ennaa ilaalau 17% caalaanakka dabalu taasisee jira. Sabaa balaa akka tasaa uumamuu fi wantoota karooraan gad lakkifamaniin sadarkaa addunyaatti hammi Hooloo Kaarboonii qiilleensa marsaa lafaa keessatti kuufamu dabaluun hammi gaasota oo’aa akka dabalu taasisee jira. Akkasumas,

Page 11: Galata - PHE Ethiopia

10 11

ochii dhala namaatiin hammi gaasii oo’iinsaa kun xiqqaa fakkaatus akka baay’inni isaa kun jijjiiramu godhuun madaallii anniisaa qilleensa marsaa lafaa keessaa kan oo’iinsa uumamaa hamma takka akka jijjiiramu godhee jira.Sochiin dhala namaa baay’inaa fi amallan wantoota qilleensa marsaa lafaa keessatti ifa biiftuu balaqqisiisuu fi xuuxuun dhiibbaa uuman akka uumaman godhee jira. Dhiibbaawwan sochii dhala namaatiin gahaniin maddoonni gaasiiwwan Salfardaayooksaayidii(SO2), kattallee boba’aa fi zayita salfarii guddaa qabutti fayyadamuun wantoonni qilleensa marsaa lafaatti akka dabalaman taasisuudha.Akkuma armaan olitti ibsuuf yaalametti adeemsi kunis haallan uumamaa qilleensa marsaa lafaa keessatti(SO2) gara wantoota Salfeetitti jijjiira.

Wantoonni kunniin sadarkaa addunyaatti naannoolee magaalonni gurguddoon itti argamanitti qiilleensa keessatti kuufamuun caarallaan biiftuu irraa dhufu osoo lafa irra hin gahin akka balaqqisiifamee gara hawaatti deebi’u taasisu. Kuufamni wantootaa (paartikilootaa) kun too’annaa malee turuun wallakkaa Jaarraa 20ffaa keessatti yeroof hamma oo’aa dabaluun kuufamni hamma gaasota oo’iinsaa akka dabalu taasisuun yoo too’anna irratti hin godhmne sadarkaa addunyaatti hammi diilalla’iisaas akka dabalu ni godha.Wantoota (paartikiloota) Salfeetii kaunniin karaa uumamaatiin qilleensa marsaa lafaa keessaa baasuuf torbaanota muraasa keessatti odeeffannoowwan jalqabaa keessaa uumama Rooba summaa’aa(Acid rain) kan hamma gabbina biyyee xiqqeessu, biqiltootaa fi gamoowwan balleessuu fi fayyaa namaa irratti miidhaa geessisu fa’a akka ta’an beekamuu qabu.

Kattallee boba’aa, haftee qaamman biqiltootaa bosbosanii fi mootorrota human gahaa ta’e hin qabnetti fayyadamuun dhukkeen yookiin aarri gurraachi(black cabon) akka qilleensa marsaa lafaatti makamu ennaa godhu, aara wantoota lubb-qabeeyyii irraa bahaniin wal qabatee wantoonni tokko tokko uumamuu danda’u. Sababa dhukkee /aara/ anniisaa biiftuu irraa dhufu liqimsuu/xuuxuu/ fi dabalataan dhukkee/aara/qillensa marsaa lafaatti gad lakkisuun oo’I qilleensa baramaa akka dabalu taasisa.

Akkasumas, biqiltoota lafa irraa ciruun hammi (CO2) fi gaasota oo’oo biroo qilleensa marsaa lafaatti akka dabalamanii fi dhukkeewwan akka salfeetii caarallaan biiftuu irraa dhufu akka balaqqisiifamee gara hawaatti deebi’u godhuun diilalla’iinsii akka uumamu godha. Ciramni bosonaa ammoo hammi balaqqa’iinsaa lafaa akka dabaluu fi dhiibbaan dabaliinsa diilallaa’insa biroo akka uumamu godha. Jijjiiramni ijoo qilleensa baramaa keessatti muldhatu bara 1750 -2000tti jalqaba Warraaqsa Industirii irraa ka’ee jiru hundi sababa sochii dhala namaatii fi uumamaa irraa kan ka’eedha.

Irra caalaan jijjiirama qilleensa baramaa ka’umsi isaanii sochii dhala namaati.Hurki bishaanii akka waan jijjiirama qilleensa baramaa fidutti ilaalamuu hin qabu. Haa ta’u malee, uumamaan hurki bishaanii oo’iinsaaf baay’aa barbaachisaadha. Sababni isaas saffisni Marsaa bishaanii qiilleensa marsaa lafaa keessatti bishaanii akka tamsa’u taasisuun sochii dhala namaatiin(gubatiinsi kattalleewwanii fi haftee qaamman lubb-qabeeyyii fi wantoonni diilallaa’ina uuman) jiraatanis dhiibbaa muraasa ta’e qofa kuufama oo’a qilleensa marsaa lafaa irratti uuma.

Dabaliinsa hamma oo’a lafaa fi qaama gad aanaa qilleensa marsaa lafaa keessatti kuufama CO2 fi gaasiiwwan oo’iinsaa biroo kan dhufan sochii dhala namaatiin. Haa ta’u malee, hurki bishaan qilleensa marsaa lafaa keessatti baay’inaan akka kuufamu, karaa birootiin ammo hammi gaasota oo’iinsaa akka dabalu taasisa.

Page 12: Galata - PHE Ethiopia

12 13

1.4 Jijjiiramni Wantoota(Qindeessitoota) Qilleensa Marsaa Lafaa Dabaliinsa Oo’aatiif Gahee Qabaachuu

Dheerina umrii qilleensa marsaa lafaa keessatti irra caalaan gaasiiwwan oo’iinsaa kan safaraman waggootaa fi yeroo dheeraan. Hammi gad lakkifamiinsi oo’aa sadarkaa addunyaatti walitti makamuun sadarkaa addunyaatti hammi oo’iinsaa akka dablu taasisee jira. Wantoonni duub-deebii ta’an tokko tokko oo’iinsi akka addunyaa keessatti cimu akka godhan agarsiisu. Dabalataan akka hamma hurka bishaanii irraa hubatamutti baqiinsi cabbii naannoo sararran naannoo dagaleewwan jiddu galeessaa bu’aa oo’i hamma balaqqa’iinsaa xiqqeeuu, anniisaan biiftuu dablataan akka liqimfamuu fi oo’iinsi akka tasgabbaa’u taasisa.

Sababa hurka bishaanii irraa ka’uun uwwisni duumessaa jijjiiramuu, hammi oo’iinsa qilleensa marsaa lafaa fi deddeebiin sirna marsaa hamma oo’iinsaa xiqqeesuun dabaliinsi hamma duumessaa hammi oo’iinsaa akka xiqqaatu godhee jira. Hammii duumessaa xiqqaachuun uumama diilallaa’inaatiif karaa bana. Haalli adeemsa jijjiirama uwwisa duumessaa hanga ammaatti hin beekamne.Kana irraa ka’uun akka tasaa carraan oo’insi hamma eegamuu olitti dabaluu kuufamni gaasota oo’iinsaa akka dabalan taasisee jira.

Seenaan oo’aa-qabba lafaa (temperature) kan yeroo dhiyoo akka agarsiisutti walitti dhufeenya wal xaxaa ta’e kan dhala namaa,kan oo’iinsaa fi diilallaa’inaa, garaagarummaa uumamaan jiru waliin dhoohinsa volkaanoo,hamma garaagaummaa oo’iinsa biiftuu irra madduun fuula lafaa irra gahu, raafamni qilleensa baramaa keessatti uumamu anniisaa qilleensa marsaa lafaa keessatti facaasuun garbawwanii fi cabbiin akka gahu taasisa. Wal xaxiinsi kunis hammi dabaliinsa oo’a fuula lafaa sadarkaa addunyaatti bara 1970 irraa kaasee akka dabalu, qilleensa marsaa lafaa keessatti hammi kuufama gaasiiwwan oo’iinsaa, keessattu, CO2 akka dabalu godhee jira.

Sadarkaa addunyaatti jiddu-galeessaan hamma oo’a lafaa beekuuf of duuba deebi’uun hanga bara 1860tti kan ture meeshaan hamma oo’aa safari akka galmeessu taasifamee jira. Bu’aa safarrii kana irraa akka hubatamutti jidduu baroota1860-2000tti jijjiiramni hamma dabaliinsa oo’aa muldhate 0.75oC akka ta’e agarsiisa.

Page 13: Galata - PHE Ethiopia

12 13

Fakkii 2 Moodeela Qilleensa Baramaa

Madda:American National Research Council,2012

Moodeeloonni qillensa baramaa maali?

Waggoottan kurnoota heddutti lakkaamaniif saayintistoonni (beektonni saayinsii) waa’ee qilleensa baramaa lafaa beekuuf kompiitaroota sadrkaa addunyaatti fooyya’iinsa qabanitti fayyadamaa turanii jiru. Moodeelonni kunniinis sirnoota herregaantiin kan wal qabatoo ta’anii fi seerota bu’uuraa beekumsa saayinsii Fiiziksii kanniin amaloota qilleensa marsaa lafaa,garbawwanii, fuula lafaa fi sirnoota qilleensa baramaa kanniin biro akkasuma, walitti dhufeenya sirnoota qaamman biro irratti hundaa’uun hojjatu.

Moodeeloonni qilleensa baramaa kunniin meeshaa guddaa waa’ee jijjiirama qilleensa baramaa baroota durii,yeroo ammaa fi gara fuulduraa hubachuuf gargaaraniidha. Moodeeloonni qilleensa marsaa lafaa kunniin faallaa waan muldhatuu agarsiisu. Waan kana ta’eef saayintistoonni yoo moodeelonni kunniin sirriitti hojjatan waan yeroo dhiyoo fi baroota fagoo keessatti ta’an beekuu yookiin arguu danda’u.

Page 14: Galata - PHE Ethiopia

14 15

2. Jijjiirama Qilleensa Baramaa2.1 Jijjiiramni qilleensa baramaa maali?

Jijjiirama qilleensa baramaa jechuun sabab sochii dhala namaatii fi garaagarummaa wantootaa uumamaatiin jijjiirama qilleensa baramaa

keessatti muldhatu jechuudha. Ennaa waa’ee jijjiirama qilleensa baramaa dubbannu kan irraa kaanu hamma oo’a addunyaa qabatamaan muldhatuu fi gara fuulduraatti tilmaamamu, akkasumas, dhiibbaawwan geessifaman(fakkeenyaaf, jijjiiramni qilleensaa saffisaan dabaluu, baqiinsa cabbiiwwanii, ol ka’iinsi sarara bishaanii sirrii irra galaanaa dabaluu fi ijjiiramni hamma roobaa) muldhachuu fa’a.

Jijjiiramni qilleensa baramaa sadarkaa addunyaatti rakkoo gudda naannoo ta’uun diinagdee addunyaa, naannoo uumamaa, fayyaa fi haala jireenya dhala namaa irratti miidhaa geessisuun isaa hubannoo argataa dhufee jira. Jijjiiramni qilleensa baramaa qabatamaan bu’aa sochii dhala namaa ta’uu, hammi kuufama gaasota oo’iinsaa akka qilleensa marsaa lafaa keessatti dabalu taasisee jira.

Jijjiiramni qilleensa baramaa sadarkaa addunyaatti wantoonni miidhaa cimaa geessisan hammii oo’aa gar-malee dabaluun, ol ka’iinsi sarara bishaanii sirri irra galaanaa akka dabalu,haalli wantoota qindoomina qilleensaa jijjiiramuu, lolaan bishaanii akka guddatu, waqtiin caamaa (hoongee) akka uumamu, ibiddi bosonaa deddeebi’uun akka dhufuu fi hanqinni argama bishaanii akka uumamu taasisa.

Walumaa galatti dhiibbaawwan qilleensa baramaa ummanni eegumsa gahaa ta’e akka dhabu, oomishin qonnaa akka xiqqaatuu fi hanqinni midhaan nyaataa akka uumamu, rakkoon hanqina bishaanii akka uumamu, lubbu-qabeeyyii naannoo irra akka badanii fi rakkoon fayyaa akka gahu taasisu.

2.2 Akkaataa Jijjiirama Qilleensaa

Rakkooleen hawaasa adduunyaa yeroo ammaa mudataa jiran keessaa jijjiiramni qilleensa baramaa isa tokko. Balaa dabaliinsa oo’a addunyaatiin dhufu qolachuu fi haallan fooyya’iinsa qaban uumuuf diinagdee (inveestimeentii) guddaa fi hunda caalaa sagalee murteessummaa qaamota imaammata baasanii barbaada. Hamma cimina rakkoolee kanniinii maqsuuf walitti dhufeenyi qaamota adda addaa barbaachisaadha. Bu’aa gaarii argamsiisuuf ammoo sadarkaa addunyatti waa’ee jijjiirama qilleensa baramaa irratti marii walii galtee taasifamuu fi misooma walitti fufiinsa qabu dhaloota (labata) dhufuuf dabarsuu danda’uun tarkaanfii isa duraati.

Jijjiirama qilleensa baramaa ilaalchisee ragaan saayinsaawaa ifatti ibsa. Ragaan kunis barreeffamoota saayinsaawaa, Gareewwan (Tuuta) waa’ee jijjiirama qilleensa baramaa irratti mootummoota adda addaa keessaa bahuun mar’atan (the Intergovernmental Panel on Climate Change (IPCC)) akka ibsanitti waa’ee oo’iinsa fuula lafaa irraa fi jijjiirama qilleensa baramaa irratti “sagaleen wal qixa ta’e” jiraachuu dhabuu fi “ sochiin dhala namaa” ammo dabaliinsa oo’aatiif bu’uura akka ta’e agarsiisa.

Jaarraa dabre keessatti hammii dabaliinsa oo’aa 0.74oC akka dabale agarsiisa. Haa ta’u malee, gaasonni oo’iinsaa qilleensa marsaa lafaa keessatti yeroo

Page 15: Galata - PHE Ethiopia

14 15

baay’ee turaniiru. Kana irraa kan ka’een oo’i addunyaa sirna naannoo uumama lafaa irratti dhiibbaa waggoota dhibbaan lakkaa’amanii geessisaa turuu fi yeroo ammaa hamma gad lakkifamiinsa gaaota oo’aa xiqqeessuuf sochiin godhamaa jira. Gaasiiwwan oo’iinsaa gad lakkifaman kan baroota dabraniis shallaggii keessa galchuun hamma oo’iinsa addunyaa 1.8oC fi 2.oC akka ta’u walii galuun barbaachisaa ta’a.

Wanti baay’ee sadrkaa addunyaatti sodaachisaa ta’e hammi gadi lakkifamiinsa gaasiiwwan oo’a dabalanii dabalaa deemuu isaati. Kunis kan agarsiisu waggoottan kurnan dhufan keessatti jijjiiramni guddaan seerota amma jiran, imaammattootaa fi tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban irratti jijjiiramni kan hin muldhanne taanaan haala amma jiruun itti fufuun isaa beekamaadha. Akka gabaasni Ejensii Anniisaa Addunyaa ibsutti sadarkaa addunyaatti gad lakkifamiinsi gaasota oo’iinsaa bara 1970 irraa kaasee hanga bara 2030tti 25% hanga 90% ta’a jedhamee tilmaamama.

Baroota kurnan dhufan keessattis hammi gad lakkifamiinsa gaasota oo’iisaa gaheen biyyootaa guddataa jiraniis ni dabala jedhamee eegama. Walumaa galatti walakkaa Jaarraa dabree keessatti hammi gad lakkifamiinsa gaasota oo’iinsaa biyyoota industiriin guddatan keessatti tokko tokkoo namaatiin namoota biyyotaa guddataa jiranii caalaa dachaa afurii dabaluu isaa ennaa ta’u, biyyoota baay’ee guddinaan duubatti hafoo ta’an keessatti garaagarummaan jiru guddaa akka ta’e agarsiisa.

Biyyoon miseensa Dhaabbata Gamtaa Diinagdee fi Guddinaa (The Organization for Economic Co-operation and Development(OECD) ta’an biyyoonni irra caalaatti industiriin guddatan baroota durii keessatti gad lakkifamiinsa gaasota oo’iinsaa 77% itti gaafatamummaa qabu.

Haa ta’u malee,hammi gad lakkifamiinsa gaasota oo’iinsaa biyyoota guddataa jiraniis dabalaa dhufaa jira, Akka tilmaama yeroo ammaa jiruutti gaasota oo’iinsaa haala haarawaan gad lakkifamaa jiran keessaa 2/3 kan qilleensa marsaa lafaatti makamaa jiru biyyoota miseensa OECD hin taane keessaayi. Irra caalaatti ammoo baroota 2005 hanga 2030tti hammi gad lakkifamiinsa gaasota oo’iisaa biyyoota miseensa OECD hin taanee jiddu-galeessatti 2.5% waggaa waggaan akka dabaluu danda’u tilmaamama.

Akka tilmaama kaa’ameetti biyyoota miseensa OECD ta’an keessatti jiddu-galeessaan 0.5% dabala jedhama. Dabaliinsi gad lakkifamiinsa gaasota oo’iinsaa kun hammi oo’aa akka dabalu taasisa. Akka yeroo ammaatti jijjiirama qilleensa baramaa ilaalchisuun saayintistoonni tilmaamanitti jiddu-galeessaan hammi oo’a addunyaa 1.4oC hanga 6.4oC baroota 1990 hanga bara 2100tti akka ta’e agarsiisa.Kunis, 2oC hanga-3oC dabaliinsi oo’aa isa gad aanaa ta’uu, kana bira dabrinaan miidhaa balaa sirna qilleensa baramaa addunyaa irra gahu ittisuun hin danda’amu.

2.3 Jijjiirama Qilleensa Baramaatiif Saaxilamuu

Jijjiirama qilleensa baramaatiif saaxilamuun hamma sadrkaa (sirnich uumamaan yookiin sochii namaatiin) geessise wajjiin deemuu dadhabuu, dhiibbaawwan jijjiirama qilleensaatiin dhufan of irraa qolachuu /ittisuu/ gahumsa dhabuuti. Eegumsa gahaa ta’e argachuu dhabuun amallan guddinaa fi hamma jijjiirama qilleensa baramaatiif saaxilamanii fi dandeettii of irraa qolachuu dhabuun sadarkaa maatii yookiin namoota dhuunfaa fi hawaasa naannoo keessatti garaagarummaa qaba. Kana jechuunis,haala garaagarummaa jireenya namaatiin wal qabata jechuudha.

Page 16: Galata - PHE Ethiopia

16 17

Qilleensa baramaa adda addaatiif saaxilamuun jalqabatti haala teessuma lafaatiin wal qabata. Fakkeenyaaf, hawaasni naannoo qarqara galaanotaa jiraatu ol ka’iinsa sarara bishaanii sirrii irra galaanaatii fi bubbeewwan qaamman galaanotaa irraa ka’aniif saaxilama. Hawaasni naannoolee gammoojjii fi gammoojji fakii keessa jiraatu ammoo caamaaf/hoongeef saaxilamu. Bu’aan/jijjiiramni isaa ammoo sadrkaa hawaasaa yookiin sirna naannoo uumamaa irra dhiibbaa gahuun ibsamuu danda’a. Fakkeenyaaf, hawaasni oomisha qonna bishaan roobaa irratti hundaa’e irratti jireenya isaa kan hundeeffame yoo ta’e, akkaataa roobni jijjiiramuun hawaasa hojii albuuda baasuu irratti bobba’e caalaa itti dhagahama. Akkasumas, lubbu-qabeeyyii naannoo qilleensa jiddu-galeessaa caalaa kanniin naannoolee gammoojjii oo’aa fi gammoojji fakii keessatti hanqinni bishaanii hanqina roobaatiin uumamu itti dhagahama.

Jijjiirama qilleensa baramaatiif saaxilalmuun biyyoota garaagaraa, hawaasaa fi maatii keessatti garaagarummaa qaba. Hubannaan eenyutu saaxilamee fi maaliif? kan jedhu waa’ee haala jireenya lubb-qabeeyyii fi lubb-maleeyyii, guddina hawaas-diinagdee fi haala siyaasaa fa’a of keessatti ammata. Qaamota hawaasaa keessaa kanniin armaan gadii irra caalaatti jijjiirama qilleensa baramaatiif saaxilamu. Isaanis:

Ummanni haalli jireenya isaa qabeenya uumamaa qofa irratti hundaa’e fakkeenyaaf, qonnaa (keessattuu qonna bishaan roobaa irratti hundaa’e), qurxummii kiyyeessuu fi hojii bosonaa irratti bobba’e, Fakkeenyi tokko horsiisee bulaadha.

Dubartoota hiyyeeyyii, daa’imman, manguddootaa fi kannii biroo gareewwan hawaasa keessatti xiyyeeffannaa hin qbane,

Namoota lafa hin qabnee fi hojii dhabeeyyii ta’an,

Namoota qaamaan miidhamoo ta’anii fi

Baqattootaa fi namoota sababban adda addaatiin bakka jireenya isaanii irraa buqqa’an fa’a.

2.3.1 Dandeettii haallan adda adddaatti fayyadamuu

Dandeettii haallan adda addaatti fayyadamuu jechuun gahumsa sirna/haala/ (namaan yookiin uumamaan) akkaataa jijjiirama qilleensa baramaa wajjiin walfakkaatanii yookiin walbaranii jiraachuuti. Kunis garaagarummaa qilleensa baramaa fi daangaatti bahuu/ol aanaa), balaa gahe fooyyeessuu, carraa argametti fayyadamuu yookiin haala jirutti fayyadamuu danda’uu fa’a. Haallan dandeettii nama dhuunfaa, maatii fi hawaasummaa cimsa keessaa irra callaatti kan barbaachisan keessaa inni guddaan carraa qabeenya uumamaa, human namaa, hawaasummaa, naannoo fiizikaalawaa fi maallaqaa too’achuu qabaachuudha.

Fakkeenyaaf, dandeettii qabeenya too’achuu kan ta’an keessaa, beekumsa dhalli namaa balaa qilleensa baramaa irratti qabu, ogummaa hojii qonnaa kunuunsuu, fayyaa gaarii qabaachuu, dubartoonni qusachuu danda’uu fi liqii argachuu, waldaaleen qonnaan bultootaa aadaa wal gargaariinsaa fi dhaabbiilee hawaasummaa gargaaran fa’a. Akkasumas,haallan qabatamaa hojii jallisii, sanyii filatamaa, haala mijaa’aa oomisha itti kaa’an, qabeenya bishaan uumamaan argamu, biyyee gabbataa, biqiltootaa fi mukkeen, tajaajila inshuraansii fi maddoota adda addaa irraa argamanis ni dabalata.

Page 17: Galata - PHE Ethiopia

16 17

Walumaa galatti ummanni addunyaa hiyyummaa keessa jiraatu carraan inni qabeenyota barbaachisoo ta’an kanniin too’achuu qaban baay’ee murteessaadha. Carraan qabeenyota kanniin too’achuu sadrkaa biyyootaa, hawaasummaa fi maatiitti garaagarummaa qaba. Haallan akka imaammattootaa, dhaabbilee fi humnoota adda addaas dhiibbaa irra geessisuu danda’a. Fakkeenyaaf, dubarttoonni yoomiyyuu balaa jijjiirama qilleensaatiif sababa carraa odeeffannoo gahaa, qabeenyaa fi tajaajiloota too’achuu dhabuutiin ni saaxilamuu.

Haa tau malee, dandeettiin haallan adda addaatti fayyadamuu akkaataa jijjiirama haalotaa irratti hundaa’uun garaagarummaa qabaatanis balaawwan tokko tokko irratti adda ta’uu malu. Jijjiirama qilleensa baramaa haala qindoomina qabuun fooyyeessuuf gareewwan balaaf saaxilaman addaan baasuu tarsiimoo haala dhala namaatii fi sirna uumamaa qabatammaa ta’e irratti hundaa’uun tarkaanfiin fudhatamuu qaba.

2.3.2 Dandeettii saffisaan balaa irraa dandamachuu (Resilience)

Dandeettii saffisaan balaa irraa dandamachuu kan jedhamu gahumsa sirna balaa namaa fi uumamaan gahu irraa dandamachuu, balaa gahe kana keessaa yeroo gabaabaa fi haala gahumsa qabuun bahuu, haallan duraan turan tursiisuu yookiin deebisuu danda’uu, dalaggaa fi maalummaa addaan baafachuu danda’uu fa’a. Dandeettiin saffisaan balaa dandamachuu itti gaafatamummaa balaa xiqqeessuus ni dabalata.

Hawaasni dandeettii saffisaan balaa dandamachuu qabu balaa gahe kamuu too’achuun xiqqeessuu fi miidhaa gahu jalaa saffisaan bahuuf gahumsa qabaata. Dandeettiin saffisaan balaa irraa dandamachuu kunis biyyaan, hawaasummaa fi maatiin garaagarummaa qabaatus walitti hidhamiinsi dandeettii haala fooyya’iinsaa fi bu’aa argamuu danda’uu jiraachuu hubachuun barbaachisaadha.

2.3.3 Wantoota badii geessisan (Hazards)

Haala balaa gahuu xiqqeessuu keessatti haallawwan/ta’eewwan/ uumamaatii fi sochii dhala namaatiin badii lubbuu, miidhaa qaamaa, barbadaa’iinsa qabeenyaa, wantoota jireenyaaf barbaachisan balleessuu, raafama yookiin tasgabbii dhabuu hawaasummaa fi diinagdee fi jeequmsa naannoo uumamaa fa’a. Balaawwan karaa uumamaatiin gahuu danda’an sochii lafaa, suunaamii, dhoohinsa volkaanoo, loolaa bishaanii, bubbee hobomboleettii, caama/hoongee/fi dhibeewwan adda addaa fa’a.

Balaawwan sochii dhala namaatiinis gahuu danda’u. Sochii dhala namaatiin jijjiiramni qilleensa baramaa uumamuu, ibidda, qabeenya albuudota bakka buufamuu hin dandeenye, jeeqamiinsa naannoo uumamaa fi balaawwan guddina teeknooloojii wajjiin wal qabatan fa’a gahuu danda’u. Balaan gahu akaakuu tokkoo yookiin qindoomina wantoota hedduu irraa ta’uu danda’a. Waan kana ta’eef, garaagarummaa balaa lolaa bishaaniitii fi du’aatii beeyiladootaa adda baasanii beekuun barbaachisaadha.

Sababni isaas dhiibbaawwan gahan keessaa hanqinni midhan nyaataa uumamuun walitti qindoomina balaawwanii irraa ka’uu danda’a. Jijjiiramni qilleensa baramaa sodaachisaa ta’uu, gabbinni biyyee xiqqaachuu fi haalli gabaa tasgabbii dhabuu fa’a. Balaa gahu qolachuu danda’uu sirriitti xiinxalluu, haala qabatamaa uumamaa hubachuu, sababa isaa beekuu, walitti dhufeenya balaawwanii hubachuun baay’ee barbaachisaa ta’a.

Page 18: Galata - PHE Ethiopia

18 19

Akka Fakkii 3 irraa hubatamutti eegumsa gahaa ta’e dhabuun badiitii qabeenyaatiif sababa ta’uu fi wantoonni balaa geessisan hedduminaan jiraachuu agarsiisa.

2.3.4 Balaa/Gaaga’ama/ (Risk)

Balaa carraa miidhaa gahuu danda’uu yookiin eegamuu (du’a, miidhama qaamaa, barbadaa’iinsa qabeenyaa, sochii diinagdee, jeeqama naannoo uumamaa) haala walitti dhufeenya sochii namaa fi uumamaatiin dhufuun gahuu danda’u jalaa bahuu agarsiisa.

2.3.5 Barbadaa’iinsa (Disaster)

Barbadaa’iinsi balaa cimaa sochii hawaasaa sababoota adda addaatiin nama, meeshaalee, diinagdee fi jeequmsa naannoo uumamaatiin gahuun dandeettii hawaasni balaawwan dandamachuu yookiin qolachuu qabeenya jirutti fayyadamuun akka jalaa hin bane taasisuudha. Barbadaa’iinsi walitti qindoomina adeemsa balaawwan adda addaatiin gahuu danda’a.

Fakkii 3 Balaa barbadaa’iinsaatiif saaxilamuu

Madda: International Federation of Red Cross and Red Crscent Society,1999

2.3.6 Too’annaa soda balaa barbadaa’iinsaa

Balaa barbadaa’iinsaa mudate too’achuuf, jijjiiruu fi dhiibbaawwan wantoota balaa geessisanii xiqqeessuu tooftaa itti fayyadamamu yoo ta’u, sochiiwwan adda addaa walitti hidhamiinsa qaban kanniin akka maqsuu yookiin qolachuu, qophaa’inaa, deebii kennuu fi fooyya’iinsaa fa’a dabalata.

2.4 Dhiibbaawwan Jijjiirama Qilleensa Baramaa

Oo’i addunyaa fi bu’aawwan jijjiirama qilleensa baramaa karaa adda addaatiin muldhataa jiru. Kunis sadarkaa addunyaatti haallan wantoota sababa jijjiirama qilleensa baramaatiin dhufan agarsiisa. Fakkeenyaaf:

Page 19: Galata - PHE Ethiopia

18 19

Naannoolee oo’a addunyaatiin miidhaman keessatti caamni/hoongeen/babaldhachuu,

Dabaliinsi oo’aa fuula lafaa baay’ee uwwisuu,

Naannoolee baay’eetti hammi roobaa dabaluu fi bakkeewwan birootti ammoo hanqinni roobaa uumamuu fi

Baqiinsi cabbie dabaluun sadarkaa addunyaatti ol ka’iinsi sarara bishaanii sirrii irra galaanaa dabalaa dhufuu fa’a.

Akkuma sadarkaa addunyaaatti hammi oo’iinsaa dabaluun dhiibbaan gahus irra caalaatti dabalaa deema. Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman keessattuu, hiyyeeyyiin irra caalaatti balaawwan caamaa/hoogee/ fi loolaa bishaanii, hanqina midhaan nyaataatii fi bishaanii, dhibeewwan adda addaa fi lubbuu isaanii dhabuu fi mana jireenyaa dhabuuf fa’a saaxilamu. Keessattuu, biyyoonni gudataa jiran balaa sababa jijjiirama qilleensa baramaatiin dhufuuf saaxilamuu kan danda’aniif waan dameeleen diinagdee isaanii haala qilleensaa irratti hundaa’aniif, fakkeenyaaf, qonna. Rakkoo kana jalaa bahuuf ammoo walitti qindoomina dameelee hundaa gaafata. Kunis:

Meeshaalee fi tajaajiloota gaasota oo’iinsa gad lakkisanii xiqqeessuu,

Anniisaa sirnaan itti fayyadamuu danda’uu,

Teeknooloojii kaarboonii humna maddisiisuu, oo’aa fi geejjibaaf itti fayyadamuu danda’uu,

Barbadaa’iinsa bosonaa xiqqeessuu fi manca’iinsa bosonaa hambisuu fa’a.

Akkuma hammi gaasotaa oo’iinsaa fi hammi oo’aa dabalaa deemu dhiibbaan jijjiirama qilleensa baramaatiin dhufus dabalaa deema. Fakkeenyyaaf, hammi oo’a jiddu-galeessaa xiqqoo dabaluun akaakuun, saffisaa/hollaannaa/fi hammi haala qilleensaa jijjiiramuun wantoonni akka bubbee cimaa, lolaa bishaanii, caamaa/hoongee/fi bubbeen hobomboleetti akka uumaman taasisu.

Faca’iinsi wantoota qilleensa keessaa kunis naannoolee fi biyyoota adda addaa keessatti garaagarummaa waan qabaatanii fi dhiibbaan geessisanis akka ummata yookiin naannoo balaa kanaaf saaxilamee irratti hundaa’a. Biyyoonni guddataa jiran keessattuu, namoonni hiyyeeyyii fi murni hawaasaa xiyyeeffannaan hin kennamneef sadarkaa addunyaatti balaa kanaaf saaxilamanii argamu.

Namoonni kunniinis dandeettii balaa kana ittiin of irraa ittisan hin qaban.Biyyoonni kunniin dablataanis jijjiiramni qilleensa baramaa rakkooleen akka hiyyummaa hirdhisuu, tajaajila eegumsa fayyaa fooyyeesuu, midhaan nyaataatiin of danda’uu fi carraa maddoota anniisaa fooyyeessuu irratti dhabuutiin mudatamanii jiru. Fakkeenyaaf, jijjiiramni qilleensa baramaa namoonni miliyoonaan lakkaa’aman carraan bishaan gahaa yookiin bishaan qulqulluu dhugaatii argachuu jalaa akka xiqqaatu taasisee jira.

Kun ammo gama birootiin rakkoon fayyaa akka uumamu taasisa. Dhiibbaan jijjiirama qilleensa baramaa bakka argamaa, sadarkaa misooma diinagdee, dameelee diinagdee sadarkaa addunyaatti kanniin akka daldalaa fa’a irratti

Page 20: Galata - PHE Ethiopia

20 21

Jijji

iram

a Q

illee

nsa

Bara

maa

Dam

ee

Diin

agde

eD

hiib

baa

gahu

Tark

aanfi

i fud

hata

muu

Qab

u

Dab

aliin

sa O

o’a

Qon

na

- Ak

aaku

un o

omish

a m

idha

anii

fi ye

roon

oo

mish

aa ji

jjiira

muu

han

qina

oom

isha

- H

amm

i hur

kaa’i

insa

a da

balu

un m

idha

anii

fi

beey

ilado

onni

oo’

a da

dhau

u -

Fedh

ii bi

shaa

n ta

jaaj

ila q

otiis

a ja

llisii

daba

luu

- H

anqi

nni m

arga

a (n

yaat

a)be

eyila

doot

aa

umam

uu o

omish

in b

eeyi

lado

otaa

xi

qqaa

chuu

- D

u’aa

tiin

beey

ilado

otaa

dab

aluu

- H

anqi

nni m

idha

an n

yaat

aa u

umam

uu -

Qbe

enya

uum

amaa

irra

tti w

alitt

i bu’

iinsi

haw

aasa

a uu

mam

uu

-San

yi m

idha

an y

eroo

g

abaa

baa

kees

satt

i g

ayut

ti fa

yyad

amuu

-Mid

haan

gos

a ad

da

add

aa o

omish

uu-S

anyi

i mid

haan

caa

ma

dand

amac

huu

dand

a’an

adda

ad

daat

ti fa

yyad

amuu

-Qab

iyye

e ga

bbin

a bi

yyee

da

balu

u-B

ishaa

n ku

nuun

suun

oom

isha

miid

haan

ii da

balu

u- M

uuxa

nnoo

qon

na m

idha

anii

fi bo

sona

a ba

bald

hisu

u(m

ukke

en

dhaa

buun

akk

a ga

addi

sa ta

’ani

i fi

biqi

toot

a ny

aata

bee

yila

daa

ta’a

n) m

idha

an w

al k

eess

a fa

caas

uu-S

anyi

i bee

yila

doot

a ad

da

adda

a fi

dand

eett

ii m

isoom

aa

gabb

ifach

uu

Qab

eeny

a Bi

shan

ii

-Baq

iinsi

cabb

ie la

ggee

n ya

a’an

irrat

ti dh

iibba

a uu

muu

-Fed

hiin

bish

aani

i dab

aluu

/han

qinn

i bish

aani

i uu

mam

u/-H

araw

wan

baq

iinsa

cab

biiti

in u

umam

uun

lafa

bal

dhaa

uw

wisu

-Han

qinn

i arg

anna

a bi

shaa

nii c

imuu

-Qab

eeny

a bi

shan

ii irr

atti

wal

itti b

u’iin

si ha

waa

saa

uum

amu

-Mal

oota

bish

aan

ittiin

kuu

san

baba

ldhi

suu

-Mal

oota

kun

uuns

a bi

shaa

nii

baba

ldhi

suu

-Haa

la b

aqiin

sa c

abbi

e fi

uum

ama

hara

ww

anii

hord

ofuu

-Naa

nnoo

lee

lafa

qar

qara

ga

laan

otaa

fi la

fa c

affaa

ku

nuun

suu

Fayy

aa N

amaa

-Ham

mi o

o’iin

saa

daba

luu

-Bus

aan,

kole

eraa

(baa

saa)

fi d

hibe

eww

an

biro

o da

balu

u-H

amm

i oom

ishaa

xiq

qaac

huu

-Han

qina

nya

ata

mad

aala

maa

-Naa

nnoo

lee

busa

a ke

essa

tti

haal

a itt

i fay

yada

ma

saap

hana

hi

rrib

aa b

arsii

suu

-Um

mat

aaf

waa

’ee d

hibe

eww

an

saba

ba o

o’aa

tiin

wal

qab

atan

ii irr

atti

barn

oota

ken

nuufi

i

Page 21: Galata - PHE Ethiopia

20 21

Aka

akuu

fi W

aqti

in

jijjii

ram

uu ro

obaa

Qon

na

-Har

amni

biy

yee

daba

luu

-Aka

ataa

waq

tiile

e la

fa q

otuu

,faca

asuu

fi

haam

uu ji

jjiira

muu

-Sab

aba

jeeq

umsa

uum

amaa

tiin

mid

haan

ba

duu

-Waq

tiin

hojii

qon

naa

jijjii

ram

uu

-Haa

la m

ijaa’a

a qi

lleen

sa

waq

tiile

e irr

atti

odee

ffann

oow

wan

qab

atam

aa

ta’a

n qa

baac

huun

bar

baac

hisa

a ta

’uu

-Mid

haan

sany

iiww

an g

osa

adda

ad

daa

qaba

achu

u fi

wal

kee

ssa

mak

anii

faca

asuu

-Bee

yila

doot

a go

sa a

dda

adda

a fi

dand

eett

ii ho

rsiis

uu q

abaa

chuu

-Wab

ii(In

shur

aans

ii) o

omish

a m

idha

anii

qaba

achu

u-Y

eroo

hoj

ii sir

naan

itti

fayy

adam

uu

Qab

eeny

a Bi

shaa

nii

-Waq

tiile

en ji

jjiira

muu

-Roo

ba c

imaa

wal

irra

a hi

n ci

nne

-Ham

mi b

ishaa

n qa

ama

dach

ee k

eess

aa

xiqq

aach

uu-D

edde

ebi’ii

nsa

badi

i gee

ssisu

u lo

laa

bish

anii

-Caa

mni

bad

ii uu

mu

dedd

eebi

’ee

mul

dhac

huu

-sad

arka

a m

aatii

tti b

ishaa

n ro

obaa

qop

hani

i itt

i fay

yada

mu

-Daa

gaa

jaar

uu, b

iyye

e fi

dhag

aa

fi bi

qilto

ota

dhaa

buu

-Haa

la y

aa’iin

sa b

ishaa

nii

mije

essu

u-Q

ulqu

llina

bish

aani

i eeg

uu

Sirr

ii ir

ra g

alaa

naa

Qab

eeny

a na

anno

o Q

arqa

ra

Gal

aano

taa

jiree

nyaa

f ga

rgaa

ru

-Ham

mi b

ishaa

n so

oqqi

ddaa

waa

dab

luu

-Ham

mi l

olaa

bish

aani

i fi b

ubbe

e da

balu

u-B

iyye

en b

ishaa

niin

har

amte

e ga

laan

otat

ti m

akam

uu-B

alaa

n bu

bbee

hob

ombo

leet

tittin

uum

amu

daba

luu

-Gos

a m

idha

anii

sooq

qidd

a da

ndam

achu

u da

nda’a

nii

faca

asuu

-Bee

yila

doot

a sa

nyii

adda

add

aa

hors

iisuu

-Waa

’ee u

umam

a bu

bbee

ww

an

hobo

mbo

leet

ti irr

atti

akee

kach

iisa

dura

atii

fi ho

rdoffi

i irr

atti

odee

ffann

oo a

rgac

huu

-Bish

aan

gala

anaa

eeg

achu

u-Q

ulqu

llina

bish

aani

i eeg

achu

u-N

aann

oole

e la

fa c

affaa

ku

nuun

suu

Page 22: Galata - PHE Ethiopia

22 23

dhiibbaa guddaa uumuu danda’a. Dameeleen diinagdee armaan gadii jijjiirama qiilleensa baramaa wajjiin walitti hidhamiinsa qabu.

Qonna: Dameelee diinagdee keessaa kallattiin jijjiirama qilleensa baramaatiif saaxilamee argama. Qonni guddina daldala addunyaatiif gumaacha guddaa godha. Naannoolee sararran dagalee lafaa gad aanan keessatti biyyoonni guddataa jiran baay’inaan ennaa argaman, hanqina oomisha midhaanii bara baraan 5% hanga 10%tti sababa hammi oo’a 1oC xiqqaatu akka ta’e tilmaamama. Akkasumas, hammi oo’a naannoo 1oC fi 3oC dabaluun oomisha qonna naannoolee sararran Dagalee jiddu-galeessaa fi ol aanan irratti dhiibbaa guddaa geessisa.

Hammi oo’iinsaa kana caalaa dabaluun rakkoon cimaan akka mudatu taasisa. Akka qorannoon yeroo dhiyoo agarsiisutti biyyoota Afrikaa muraasa keessatti hammi oomisha midhaanii bar 2020tti 50% gad bu’a jedhamee tilmaamama. Galiin qulqulluun oomisha midhaanii irraa argamu kan bara 2100 wajjiin wal bira qabamee ennaa ilaalamu 90%n gad bu’a jedhamee yaadama.Akkaataa bakka argama biyyootaa irratti hundaa’uun qonni hanqina roobaaf(bishaaniitiif ), cabbiin baqee baduun, hammi roobaa xiqqaachuu fi caamaaf saaxilamuu danda’a.

Tuuriizimii: Industiriin tuuriizimii jijjiirama qilleensa baramaatiif saaxilamaadha. Sababni isaas naannooleen cabbiin uwwifaman jijjiiramuu, naannooleen qarqara galaanotaa jeeqamuu fi haalli qilleensa adda ta’e uumamuun sochii tuuriizimii irrattin dhiibbaa guddaa uuma.

Hojii Bosonaa fi Qurxummii: Hojii bosonaa fi qurxummii kiyyeesuu kallattiin jijjiirama qilleensa baramaa wajjiin wal qabata. Keessattuu, Sirna Naannoo uumamaa (Ecosystem) naannoo qarqara galaanotaa, badiitii lubbu-qabeeyyii qaamman bishaanii keessa galanii fi bosonaa irratti dhiibbaa guddaa uuma.

Daldala, Daandii fi Geejjiba: Sababa jijjiirama qilleensa baramaatiin daldala, daandii fi geejjiba irratti dhiibbaan ni uumama. Akka (IPCC) mijaa’inni buufataawwan doonii, ijaarsi daandiiwwan konkolaataa, sararran baaburaa, dirreewwan xiyyaaraa fi riqichootaa sababa ol ka’iinsa sarara bishaanii sirrii irra galaanaa fi wantoota qilleensa keessatti jijjiirama uumuu danda’aniin fakkeenyaaf, lolaa bishaan roobaa fi bubbee hobomboleettitiin miidhaan irraa gahuu danda’a. Jijjiiramni cabbii galaanaa irratti muldhatu daandii doonii haarofni akka barbaadamu agarsiisa.

2.5 Jijjiirama Qilleensa Baramaa Qolachuu

Jijjiirama qilleensa baramaa qolchuun kaayyoo imaammataa fi carra hamma gad lakkifamiinsa gaasota oo’iinsaa xiqqeessuu yookiin garbawwanii fi bosonnaniin kaarboonii yookiin kaarboondaayooksaayidii xuuxamuun qilleensa marsaa lafaa keessaa akka bahu godhu taasisuudha.Jijjiirama qilleensa baramaa qolachuun sochii hamma gaasota oo’iinsa dabalanii qilleensa marsaa lafaatti makamanii xiqqeessuun oo’i addunyaa akka hin daballee godhuu agarsiisa. Sochiin kun kan ammatu kattaa boba’u, peetirooliyeemii fi gaasii uumamaatti fayyadamuu xiqqeessuu, madda anniisaa amansiisaa ta’e uumachuu, cirama bosona xiqqeessuu fi biqiltoota dhaabuun babaldhisuu fa’a.

Gaheen bosonaa, keessattu, bosonnan naannoo qilleensa oo’aa (Tropical) keessatti argaman jijjiirama qilleensaa qolachuuf qaban, marsaa kaarboonii

Page 23: Galata - PHE Ethiopia

22 23

fuula lafaa irratti uumamu too’achuuf gargaaru. Bosonnan naannoo (Tropical) Kaarbooniin baay’inaan akka qaama biqiltootaa fi biyyee keessatti xuuxamuun kuufamu taasisu. Ciramni bosonaa fi manca’iinsi bosonaa hammi CO2 dabaluun akka qilleensa marsaa lafaa keessatti baay’inaan kuufamu godhuu keessatti qooda ol aanaa kan qaban yoo ta’an kunis qilleensi fuula lafaa akka jijjiiramu taasisa.

Ciramni bosonaa sochii dhala namaatiin kan uumamu ennaa ta’u kunuunsi barbaachisaan bosonaa fi naannoo bosona hin qabnee yoo hin godhamin bosona ciranii balleessuun hammi dandeettii kuufama kaarboonii akka xiqqaatu taasisa. Manca’iinsi bosonaa fi jijjiiramni haala bosonaa irratti uumamuu fi haalli bulchiinsa qabeenya bosonaa walitti fufiinsa qabu mijaa’aan yookiin lafa sirnaan itti fayyadamuu dhabuun hammii kaarboonii bosonaa akka xiqqaatu taasisa.

Ciramni bosonaa fi manca’iinsi bosonaa sadarkaa addunyaatti gad lakkifamiinsa kaarbooniitiif 18% gumaachu jedhamee tilmaamama. Lakkoofsi kun sadrakaa addunyaatti hamma dameen geejjibaa fi anniisaan oomisha gad lakkisan akka caaluu agarsiisa. Bosonnaan bakka kaarbooniin itti xuuxamu fi CO2 qilleensa marsaa lafaa keessaa itti fudhatamuudha. Akka saayintistoonni tilmaamanitti sadarkaa addunyaatti bosonnan naannoo qilleensa oo’aa(Tropical) waggaa waggaan CO2 Toonii biliyoona 4.8 ta’e qilleensa marsaa lafaa keessaa xuuxu. Kunis hamma kaarboonii itti fayyadamiinsa boba’aa haftee qaamman bineeldotaa fi biqiltoota baroota durii irraa waggaan gad lakkifamu keessaa 18% akka ta’e ibsama.

Dhiibbaan badiitii bosonaatiin dhufu haala lama qaba. Tokkoffaan badiitiin bosonaa kaarbooniin qaama biqiltootaa/mukkeenii/keessatti kuufame gad lakkifamuun hammi CO2 qilleensa marsaa laffa keessatti akka dabalu taasisa. Lammaffaa hammi bosona jiruu qilleensa marsaa lafaa keessaa kaarboonii xuuxuun xiqqaachaa deemuun gara fuulduraatti akka dhabamu taasisa. Akka qorannoowwan yeroo dhiyoo godhaman agarsiisanitti jijjiiramni qilleensa baramaa dhiibbaa misooma diinagdee irratti uumu qolqchuuf maloota gurguddoo armaan gad lakkifamiinsa hamma gaasot oo’iinsaa naannoolee bosonni irraa ciramee xiqqeessuuf baasii guddaa malee gargaaran akka jiran agarsiisa. Cirama bosonaa xiqqeessuun hamma gad lakkifamiinsa gaasota oo’iinsaa xiqqeessuu keessatti qooda ol aanaa ennaa qabaatu kunis kunuunsa bosonaaf godhaman:

Naannoo qilleensa mijaa’aa uumuu

Lubbu-qabeeyyii(Biqiltootaa fi Bineeldota) kunuunsuu

Qulqullina biyyee fi bishaanii eeguu

Naannoolee yaa’iinsa bishaan laggeenii(watershade) too’achuu

Bu’aawwan bosonaa jireenyaaf barbaachisan hawaasaa naannootiif dhiyeessuu wantoota aadaan wal qabatanii fi carraa bakkeewwan bashannaniisaa akka ta’an babaldhisuu fa’a.

Jijjiirama qilleensa baramaa qolachuu qabeenya bosonaa irratti hundaa’ee fi tarsiimoo hamma gad lakkifamiinsa CO2 sababa cirama bosonaatiin dhufu xiqqeessuu, haala bulchiinsa qabeenya bosonaa fooyyeessuu fi biqiltoota dhaabuun uwwisa bosonaa babaldhisuu fi lafa bosonni irraa cirame bosoneessuun hammi xuuxama kaarboonii akka dabalu taasisa. Jijjiirama

Page 24: Galata - PHE Ethiopia

24 25

qilleensa baramaa qolachuuf naannooleen sadiin gurguddoon tarkaanfiin irratti fudhatamuu (hojjatamuu) qaban:

(i) Anniisaa bakka buufamuu danda’utti fayyadamuu dabaluu

(ii) Misoomaa fi anniisaa gahaa misoomaa meeshaalee fi teeknooloojii kaarboonii baay’inaan gad hin lakkifnetti fayyadamuu fi

(iii) Maloota teeknooloojii misoomaa kan hamma kaarboonii xiqqeessanitti fayyadamuu danda’uu fa’a.

Damee Maloota teeknooloojii qolannaa ijoo ta’an kanniin yeoo ammaa jiran

Malloota teeknooloojii yeroo ammaa jiranii fi gara fuulduraatti tajaaji-lan

Madda an-niisaa

-Teeknooloojiiwwan madda anniisaa fi anniisaa qusachuu danda’an fooyyeessuu fi raabsuu(Istoovii)-Boba’aa haftee qaamman lubbu-qa-beeyyii irraa argamu gara gaasiitti jijjiiruu-Humna nikuleerii-Madda humnaa bakka buufamuu danda’u(bishaan, ifa biiftuu, bubbee, oo’a keessa lafaa fi haftee qaamman lubbu-qabeeyyii)-Humnaa fi oo’a qindaa’aa-Meeshaalee hamma kaarboonii xiqqees-san kanniin qilleensa keessaa CO2 harkisan

-Meeshaalee qilleensa keessaa kaarboonii xuuxuu danda’an, haftee qaamman luubu-qabeeyyii gara an-niisaa elektiriikiitti jijjiiruu-Humna nikulaarii fooyya’aa-Anniisa bakka buufamuu danda’u, anniisaa danbalii, human biiftuu fa’a.

Geejjib -Konkolaattota boba’aa sinaan caalaatti fayyadamuu danda’an -Konkolaattota-Boba’aa madda haftee lubbu-qabeeyyii-Konkolaattota irra baaburatti fayyada-muu-Geejjiba motora hin qabne(biskileetii,miilaan deemuu)-Akkaataa ittifayyadama lafaa fi sirna karoora geejjibaa

-Boba’aa haftee lubbu-qabeeyyii-Xiyyaarota gahumsa ol aanaa qabanitti fayyadamuu-Konkolaattota human elektiriikiitii fi human baatirii (anniisaa) gahaa ta’e qaban

Page 25: Galata - PHE Ethiopia

24 25

Ijaarsa -Ibsaa gahumsa qabu-Meeshaalee humna elektiriikiitiin hojjatan-Meeshaalee nyaata ittiin qopheessan fooyya’oo-Wantoota ijaaraman waan fooyya’aan golguu-Hamma oo’aa-qabbaanaa madaalamaa taasiisuu dizaayinii sirna soolaarii(ifa biiftuu) harkisuu danda’u diriirsuu-Maloota adda addaa dhangala’oo dhim-biibuu danda’an-Adeemsa teeknooloojiitiin gaasota filooriinii qaban irra deebi’uu fi fooyyees-suun fayyadamuu

-Teeknooloojii ijaarsaa qin-doomina qabu, meeshaalee too’annaa fi duub-deebii kennuu danda’aniin guu-tame-Gamoowwan keessatti meeshaa humna ifaa uumuu danda’u

Industirii -Hanga xumuraatti humna elektiriikii sirnaan itti fayyadamuu-Oo’aa fi humna sirnaan itti fayyadamuu-Meeshaalee irra deebii fi bakka buusuun itti fayyadamuu-Gad lakkifamiinsa CO2 too’achuu -Adeemsa teeknooloojii haarawwtti fayyadamuu

-Anniisaa gahaa ta’e-Oomisha siimintootiif amooniyaa fi meeshaalee sibiil irraa oomishamanii fayyadamuu

Qonna -Biyyee keessatti kuufama kaarboonii fooyyeessuun oomisha midhaanii fi horsiia beeyiladootaa fooyyeessuu-Lafa qotiisaa kunuunsuu fi gabbina biyyee eeguu-Maloota qotiisaa fi horsiisa beeyiladootaa fooyyeessuun akka hammi gad lakkifami-insa Miiteenii (CH4) xiqqaatu godhuu-Hamma gad lakkifamiinsa N2O xiqqees-suuf itti fayyadama xaa’oo naayitiroojiinii fooyyeessuu-Anniisaa haftee midhaaniitiin haftee qaamman lubbu-qabeeyyii bakka buusuu- Anniisaa fooyya’aatti fayyadamuu

-Fooyya’iinsa oomisha midhaaii

Page 26: Galata - PHE Ethiopia

26 27

Bosona -Bakkeewwan bosona hin qabne bos-oneessuu-Bakkeewwan bosonni irraa ciraman irratti biqiltoota deebisanii dhaabuu-Bulchiinsa qabeenya bosonaa fooyyees-suu-Cirama bosonaa xiqqeessuu- Oomisha mukkiin bosonaa fooyyeessuu-Bu’aa anniisaa oomisha bosonaa irraa argamuun anniisaa haftee qaamman lubbu-qabeeyyii bakka buusuu

-Oomisha biqiltootaa fi xuuxama kaarboonii gud-disuuf sanyiiwwan biqil-tootaa fooyyeessuu-Teeknooloojii too’annaa(xiixallaa) biqil-tootaa, biyyee keessatti kuufama kaarboonii fi kaar-taa itti fayyadama lafaatti fayyadamuu

Too’annaa gattaaw-wanii

-Lafa gattaawwan itti awwaalaman kees-saa CH4 bahu fooyyeessuu-Gattaawwan anniisaa fooyya’aa lubbu-qabeeyyii-Gattaawwan dhangala’oo too’achuu-Gattaawwan irra deebiin itti fayyadamuu fi hamma isaanii xiqqeessuu

-Hamma gad lakkifamiinsa Miiteenii(CH4) xiqqeessuuf meeshaalee teeknooloojii ammayyaatti fayyadamuu

Madda:WTO and UNEP,2009

Page 27: Galata - PHE Ethiopia

26 27

2.6 Jijjiirama Qilleensa Baramaa Dandamachuu fooyyeessuu/Wal baruu

Dandamachuu jechuun dhiibbaawwan jijjiirama qilleensa baramaatiin gahuu danda’u sirnaa of irraa ittisuu danda’uu jechuudha. Adeemsa qolachuu balaa jijjiirama qilleessaatiin uumamuu fi baldhinnaan gahuu danda’uu xiqqeessuun sadarkaa gahumsa dhala namaa yookiin naannoo uumamaa cimsuun akka balaa jalaa bahan gargaara.

Haala jijjiirama qilleensaa wajjiin walbaruun dhalli namaa fi wontoonni uumamaas dhiibbaa irra gahuu jalaa bahuuf ni socho’u. Adeemsi haala miidhaa jijjiirama qilleensaatiin gahu jalaa bahuu gahumsa balaa dandamachuu qaban irratti hundaa’a. Haala adda addaatti fayyadamuu danda’uun eegumsi gahaa ta’e akka argamu taasiisuu qofa osoo hin taanee haallan balaaf saaxilan xiqqeessuun eenyutu balaaf akka saaxilamee fi maaliif akka ta’e akka hubatamu taasisa.

Haala jiru xinxalluun hammam balaaf akka saaxilamanii fi miidhaa gahe jalaa bahuuf gara fuulduratti maal akka ta’u qabu irratti tarsiimoon akka qophaa’u gargaara. Hordoffii fi moodeeliin hojiiwwan sirnaan adeemsifamuu fi bu’aan argame, beekumsaa fi barnoota baratame maal akka ta’an addaan baafachuu wantoota murteessoo ta’aniidha.

Jijjiirama qilleensaatiin walbaruu dandeettii dhalli namaa fi sirni uumamaa balaa gahee jalaa of baasuuf carraa adda addaatti fayyadamuun sochii taasisu agarsiisa. Haallan jijjiiramaa qilleensa baramaa gaheen walbaruu yeroo tokko tokko ummanni osoo itti hin yaadin fudhachuu danda’a. Tattaafiin babaldhina daandiiwwan, tarsiimoowwan balaa ittsanii fi maddi diinagdee(faayinaansii) sadarkaa naannoo fi mootummaa jiddu-galeessaan karoora guddaa barbaada. Maloonni tarsiimoowwan ittisa balaa gariin biqiltootaa fi sanyiiwwan adda addaa kanniin caama dandamachuu danda’an, lolaa bishaanii ittisuu,bishaan sooqqiddaawaa qulqulleessuu, hidhaawwan naannoolee qarqara galaanootaa fi laggeenii irratti ijaaruu, balaa guddaa gahu jalaa baasuu namoota deebisanii qubachiisuu fa’a barbaada. Sababa hanqina leecalloo irraa kan ka’een biyyootaa guddataa jiran keessatti rakkoolee jiran furuun rakkisaa ta’ee argama.

Page 28: Galata - PHE Ethiopia

28 29

3. Marsaa Kaarboonii fi Bu’aa Gaasota Oo’iinsa Harkisanii3.1 Bosonaa fi Jijjiirama Qilleensa Baramaa

Jijjiirama qilleensa baramaa ittisuu keessatti bosonnan gahee ol aanaa qabu. sadarkaa addunyaatti hamma oo’iinsa gaasoota oo’a harkisaniin gad

lakkifamu keessaa bosonni 17% gahee bosonaati jedhamee tilmaamama. Sadarka sadaffaa irratti sochii namaatiin hammi gaasota oo’iinsa harkisanii qilleensa marsaa lafaatti akka dabalaman taasisu madda anniisaa sochii industiriitiif itti fayyadamaniidha. Hammi oo’iinsaa bosona irraa gad lakkifamu hamma CO2 waggaa keessatti Ameerikaa(US) fi Chaayinaa keessaa gad lakkifamuun wal biratti ilaaluun ni danda’ama. Yoo tooftaan qolachuu hin jiraanne ta’e hammi oo’iinsaa bosona irraa gad lakkifamu qilleensa marsaa lafaa keessatti ni dabala. Kun ammoo kuufamni kaarboonii qilleensa marsaa lafaa keessatti akka dabalu taasisa.

Ciramaa fi manca’iinsi bosonaa kaarboonii kuufame bifa CO2tiin qilleensa marsaa lafaatti gad lakkisa. Yeroo ammaa qabeenya bosonaa sadarkaa addunyaatti saffisaan badaa jiruuf xiyyeeffannaa kennuu hamma gaasota oo’a harkisanii sababa ciramaa fi manca’iinsa bosonaatiin dabalanii xiqqeessuuf wal qunnamtiin guddaan raawwatamaanii jiru. Haala qilleensa baramaa tasgabbeessuu keessatti bosonnan gahee guddaa qabu.

Kunis,marsaa kaarboonii, irraa fi keessa dacheetti yookiin lafaatti kaarboonii kuusuu fi qilleensa marsaa lafaa keessaa xuuxuun madaalliin qilleensaa akka eegamu taasisu. Yeroo ammaa bosonnan fuula lafaa keessaa 30% uwwisanii argamu. Wantoota lafa irratti argaman keessaa bakka kuufama kaarboonii ennaa ta’an hamma kuufama kaarboonii keessaa 77% biqiltoota keessatti, 39% ammo biyyee keessatti kuufamee argama. Bosonnan wantoota biroo lafa irratti argaman caalaa hektaaraan hamma kaarboonii baay’ee kuusuun argamu.

Sochiin dhala namaa marsaa kaarboonii irratti dhiibbaa guddaa qaba. Ciramaa fi manca’iinsi bosonaa kaarbooniin kuufame bifa CO2tiin akka qilleensa marsaa lafaatti makamu taasisa. Lafa bosoneessuu(Afforestation), biqiltoota deebisanii dhaabuu(Reafforestation) fi kaarbooniin qilleensa marsaa lafaa keessaa xuuxamee akka kuufamuun dabalu taasisa. Bosonnan uumamaan biqilanii argaman bakka kuufama kaarboonii (Carbon sink) ta’uun yeroo ammaa beekamu.

3.2 Bosonnanii fi Marsaa Kaarboonii

Bosonnan marsaa kaarboonii eeguun kaarboonii kuusuu fi qilleensa marsaa lafaa keessaa xuuxuun madaallii qilleensa baramaa lafaa akka eegamu taasisu. Bosonnan yeroo ammaa fuula lafaa keessaa 30% ta’anii argamu. Wantoota lafa irratti argaman keessaa kuufamni kaarboonii 77% biqiltootaa fi 39% ammoo biyyee keessatti argama. Marsi kaarboonii haala walitti fufiinsa qabuun jidduu qaamman bishaana’oo, garbawwan, dachee fi qilleensa marsaa lafaa keessatti adeemsifama.

Marsaan kaarboonii bakka yeroo dheeraaf itti kuufamuu fi jidduu wantootaatti ittiin geejjibamu barbaada. Adeemsi marsaa kaarboonii yeroo dheeraa yoo fudhatu, fakkeenyaaf, kuufamni maansaa(Sedimentation) yeroo baay’ee waggoota miliyoonaan lakkaa’aman yoo barbaadu, hargansuun(Respiration) gad lakkifamuun sakandoota muraasa barbaadu. Lubbu-qabeeyyiin, biyyee

Page 29: Galata - PHE Ethiopia

28 29

fi qaamman lubbu-qabeeyyii du’anii kaaboonii bifa CO2tiin gara qilleensa marsaa lafaatti makamu xuuxanii deebisuun gahee guddaa qabu.

Ciramnii fi manca’iinsi bosonaa baay’ina bosonaa fi biqiltootaa xiqqeessuun CO2 baay’inaan akka qilleensa marsaa lafaatti makamu taasisu. Kaarboonii lubbu-qabeeyyii fi qaamman biqiltoota du’anii keessatti argamu boba’uun yookiin shamuun(tortoruun) bifa CO2 gara qilleensa marsaa lafaatti makama. Hammi kaarboonii biyyee lafa bosonaa keessatti kuufamuu hamma kaarboonii biqiltoota irra lafaa keessatti kuufamu caala.

Hammi gad lakkifamiinsa gaasota oo’iinsa harkisanii jeeqama bosonaatiin wal qabata. Gaasonni akka Dinaayitiroojiinooksaayidii (N2O) fi Miiteenii (CH4) gubatiinsa biqiltootaatiin uumamu. Haalli cirama bosonaa lafti biqiltoonni irraa ciraman maaliif akka ooluu fi hojii qotiisaatiif yoo kan oolu ta’e hammi gad lakkifamiinsa Miiteenii (CH4) horsiisa horii irraa fi lafa oomisha midhaanii irratti xaa’oo (N2O) fayyadamuu hammi gaasoota kanniinii akka dabalu taasisa.

3.3 Bosonnanii fi Haala Kuufama( Liqimfama) Kaarboonii

Bosonnan jiran keessattuu,bosonnan naannoo dagalee qilleensa oo’aa(Tropical) keessatti argaman uumamaan bakka kuufama Kaarbooniiti. Bosonna kunniin adeemsa Footoosinteesisiitiin kaarboonii baay’inaan qilleensa marsaa lafaa keessaa ennaa xuuxan, sirna hargansuutiin gad lakkisu. Kuufamni kaarboonii hamma CO2 sochii namaatiin gad lakkifamu xiqqeessuu keessatti gahee guddaa qaba. Qilleensa marsaa lafaa keessatti yeroo ammaa waggaan hammi kuufama CO2 gara 57% ennaa tilmaamamu, haftee qaamman lubbu-qabeeyyii du’anii bosbosuu irraa bahu yoo haalli kuufamiinsaa kun hin jiraanne 40% ol akka ta’uu fi haala itti fayyadamaa lafaa irraayis kan dabalu ta’a.

Yaada kana irraa ka’uun kan hubatamu kaarbooniin bosonnanii fi wantoota birootii(Garbawwan) xuuxamuu dhabuun sababa sochii namaatiin hammii CO2 akka dabalu ni taasisa. Sadarkaa addunyaatti bosonnan kaarboondaayi ooksaayidii (CO2) Giigaa Toonii 5.8 (Giigaa Toonii 1= Meetrik Toonii biliyoona Tokko) waggan sababa cirama bosonaatiin gad lakkisu. Kana keessaa gara 96% kan tilmaamamu biyyoota guddataa jiran naannoo qilleensa baramaa oo’aa(Tropical) keessatti kan argaman yoo ta’an, ciramni bosonaaCO2 baay’ee lafa wal fakkaataa naannoo Dagalee oo’a jiddu-galeessaa keessatti bosonaan uwwifaman caalaa qilleensatti gad lakkisa.

Baay’inn ummataa fi qabeenya horachuun oomishin qonnaa fi bosonaa akka dabalu taasisa. Bosona lafa irraa ciruun yeroo ammaa fedhii kanniin guutuun wal qabata. Haalli kunis ammoo qabeenya bosonaa irratti dhiibbaa guddaa uuma. Lafa haala sirna qabeessa ta’een itti fayyadamuu fi teeknooloojii ammayyaatti dhimma bahuun dabaliinsa oomisha lafaatii fi kunuunsa naannoo godhuun bosonnan haala walitti fufiinsa qabuun bakka kuufama kaarboonii akka ta’an mijeessuun murteessaadha.

3.4 Marsaa Kaarboonii

Kaarbooniin haala walitti fufiinsa qabuun jidduu qiilleensa marsaa lafaa, Garbawwan(qaamman bishaana’oo), biqiltootaa fi lafa keessatti karaa adda addaatiin adeensifama. Akkasumas, CO2 haala walitti fufiinsa qabuun jidduu biqiltootaa, mukkiinii, bineeldotaa qilleensaatti sirna hargansuutii fi footoositeesisiitiin jidduu garbawwanii fi qilleensa marsaa lafaa keessatti bifa wal jijjiirraa gaasotaatiin adeemsifama. Marsaan kaarboonii kan biroo ammoo

Page 30: Galata - PHE Ethiopia

30 31

burkutaa’ina(caccabiinsa) kattallee uumamaa fi haftee qaamman lubbu-qabeeyyii baroota durii du’anii bosbosuun adeemsa Jaarraawwan hedduu keessatti raawwatameeniidha.

Fakkeenyaaf, irra caalaan zayita boba’aa addunyaa kan uumame qaamman biqiltootaa fi lubbu-qabeeyyii du’anii bifa kuus-maansaa(gattaatiin) jala qaamman bishaana’ootti waggoottan miliyoonaan lakkaa’amaninn kuufamuu fi oo’aa fi dhiibbaa waggoota miliyoonaan lakkaa’aman akka ta’an ni beekama. Kaarboonii kuufame keessaa uumamaan waggaa waggaan hammi muraasni gara qilleensa marsaa lafatti sababa dhoohinsa volkaanoo fi adeemsa marsaa kaarbooniitiin ni makama.

Sochhii namaa keessattuu, lafa qotuu, kattallee boba’u, peetirooliyeemii fi gaasii uumamaa anniisaa argachuuf bobeessuun marsaa kaarboonii kan uumamaa sababa kaarboonii(haftee qaamman lubbu-qabeeyyii du’anii) bosbosan yeroo gabaabaa keessatti gad lakkisuun akka jeeqamu taasisee jira. Fakkii 4 armaan gadii adeemsa marsaa kaarboonii jidduu qilleensa marsaa lafaa, lafaa fi garbawwan jidduutti raawwatammu agarsiisa.

Fakkii 4 Marsaa Kaaboonii

Madda: America National Research Council,2012

3.5 Dhiibbaa Gaasota Oo’a Harkisanii

Eegalamiinsa Warraaqsa Industirii irraa kaasee sochii namaatiin hammi gaasota oo’a harkisanii dabalaa dhufee jira. Qilleensa marsaa lafaa keessatti hammi kuufama gaasota kanniinii dabalee jira. Gaasonni oo’a harkisan kunniin qiilleensa marsaa lafaa keessatti baay’inaan kuufamuun oo’I biiftuu irraa madduun dhufu qiilleensa marsaa lafaa keessatti kuufamuu irra balaqqisiifamuun gara hawaatti (Space) akka deebi’u taasia. Kun ammo gaasonni kunniin dabaliinsa oo’a addunyaatii fi jijjiirama qilleensa baramaatiif akka gumaachan godha.

Gaasonni oo’a harkisan muraasni qilleensa marsaa lafaa keessatti yeroo

Page 31: Galata - PHE Ethiopia

30 31

dheeraaf turanis wal gitiinsa dhiibbaa hamma gad lakkifamiina isaaniitii fi sirna qilleensa baramaatiin wal simuu dhabuutiin oo’i addunyaa haala itti fufiinsa qabuun dabaluun sirna uumamaa fuula lafaa irratti waggoota dhibbootaan lakkaa’amaniif dhiibbaa geessisaa turaniiru. Hamma gaasota oo’a harkisanii xiqqeessuu yaaliin taasifamus rakkoon dabaliinsa oo’a addunyaa sababa gaasota oo’a harkisaniitiin uumamu akka dabalu taasisee jira.

O’o’a fuula lafaa tasgabbeessuu uumamaan gaasonni oo’a harkisan jiraachuun barbaachisaadha. Akkuma gaasonni oo’a harkisan mana magariisaa daaw’itee ifa biiftuu irraa dhufu akka qilleensa marsaa lafaa keessa seenuu fi oo’a qilleensa marsaa lafaa keessaa bahu hambisuuf gargaaru. Gaasonni kunniinis Kaarboondaayooksaayidii(CO2), Miiteenii(CH4), Diinaayitroojiinooksaayidii(N2O) fi Hurka bishaanii fa’a.

Sochii yookiin hojii namaatiin keessattuu, haftee qaamman lubbu-qabeeyyii du’anii anniisaa argachuuf itti fayyadamun hammi kuufama gaasota oo’iinsa saffisaan akka dabalu godhee jira. Humna ifaa biiftuu irraa maddu keessaa 50% qilleensa marsaa lafaa keessa dabruun fuula lafaatiin fudhatama. Fuulli lafaa ammoo anniisaa oo’aa deebisee gara hawaatti balaqqisiisa. Irra caalaan anniisaa oo’aa kun molekiloota gaasota oo’a harkisaniitii fi duumessa qilleensa marsaa lafaatiin liqimfamuun oo’i deebi’ee gara fuula lafaatti akka deebi’u godha.

Adeemsi kunis fuula lafaa oo’isuu fi hammii oo’iinsa qilleensi maraa lafaa xiqqaatuun fuula lafaa irratti haalli mijaa’aan jireenyaa akka uumamu gargaara. Hammi kaarboonii baay’inaan qilleensa marsaa lafaa keessatti kuufamuun yabbina gaasota oo’a harkisanii dabaluu, fuula lafaa irraa oo’a biiftuu irraa dhufu ukkaamsanii qabuun akka turu taasisu. Dabaliinsi hamma oo’a addunyaa sirna uumama lafaa irratti rakkoolee ciccimoo geessisa.

Fakkii 5 Dhiibbaa Gaasota Oo’a Harkisanii

Madda:City of PORTLAND AND MULTNOMAH COUNTY,2006

Page 32: Galata - PHE Ethiopia

32 33

4. Lubbu-qabeeyyii fi Jijjiirama Qilleensa Baramaa4.1 Faca’iinsa lubbu-qabeeyyii irratti dhiibbaa qilleensa baramaa

Garaagarummaan lubbu-qabeeyyii naannoo uumamaa keessatti argamu biqiltoota, bineeldota, orgaanizimoota xixiqqoo, naannoo jireenyaa,

garaagarummaa sanyii akaakuu tokkoo, sanyiiwwan adda addaa jidduu jiruu fi naannoo jidduu jiru hunda ammata. Garaagarummaan lubbu-qabeeyyii kunis jireenyaa fi fooyya’iinsa luubuu dhala namaatiif meeshaalee fi tajaajila baay’ee barbaachisan haala madaalamaa ta’een kennuu fi tajaajila aadaa naannoo uumamaatiin wal qabates ni kenna. Kuni haala jiddu-galeessa qilleensa baramaa, garaagarummaa qilleensa baramaa, akkasumas, jeequmsa qilleensa keessatti sababban jijjiirama uumaa, qilleensa baramaa, lubbu-qabeeyyii, sochii dhala namaa fi haallan biro irratti hundeeffama.

Lubbu-qabeeyyiin naannoo tokko keessatti argaman sadarkaa hundattuu garaagarummaa qabu. Jijiirama qilleensa baramaa haala adda addaatiin itti fayyadamuu danda’uun miidhaa namaa fi naannoo uumamaa irra gahu hirdhisuu dandeessisa. Haalli qilleensaa jiddu-galeessa ta’e garaagarummaan qilleensa baramaa, oomishaaf mijaa’insi naannoo, lubbu-qabeeyyiin uumamaa naannootti argaman, naannoo keessatti facaatii lubbu-qabeeyyii, walitti dhufeenya lubbu-qabeeyyii adda addaa jidduu jiru, wal dorggommii ol aantummaa (dhiibbaa) tokko kan biroo irratti qabu, walitti irkannaa fi hariiroo qaban of keessatti ammata.

Akka qorannoowwan adda addaa muldhisanitti qilleensi baramaan addunyaa sanyiiwwan lubbu-qabeeyyii jidduutti garaagarummaan sadrkaa akka uumamu taasisee jira. Kunis tuuta lubbu-qabeeyyii, teessuma lafaa, biqiltootaa fi bineeldota fa’a of keessatti ammata. Qo’annaan yeroo dhiyoo akka agrsiisutti lubbu-qabeeyyiin sadarkaa addunyaatti qaamman bishaana’oo keessatti argaman keessaa 20% badanii jiru. 20% kan caalan ammo manca’anii jiru.

Waggoottan kurnan muraasa dabran keessatti lubbu-qabeeyyii naannoolee lafa caffaa’aa qarqara galaanotaatti argaman keessaa 35% badanii jiru. Kanniin badan deebi’anii akka argaman taasisuu jijjiirama qiilleensa baramaa muldhate haala adda addatiin fooyyeessuun itti fayyadamuun murteessaadha.

Waggaa waggaan kaarbooniin Giigaa Toonii 3.2 ta’u sababa hirdhina hamma fuula dachee fi qaamman bishaana’ootiin xuuxamuu dhabuutiin qilleensa marsaa lafaatti makama.Haalli kunis lubbu-qabeeyyii irratti dhiibbaa uuma.Waggoottan shantama dura haalli argama lubbu-qabeeyyii uumamaa qilleensa, dachee fi qaamman bishaana’oo, lafa bosonaa,qarqara galaanotaa fi qabeenya bishaan keessaa irratti hundaa’e jedhamee yaadamaa ture.

Haalli sirna naannoo uumamaa jireenya wal xaxaa ta’e of keessaa qaba. Walitt dhufeenya wantoota lubbuu qabanii fi qabeenya lubbu-maleeyyii of keessaa qaba. Akaakuuu itti fayyadama lafaa, cirama bosonaa hambisuu fi haftee qaamman biqiltootaa fi bineeldota du’anii anniisaa fi waan biroon bakka buusuun baay’inni gaasota oo’a harkisanii akka xiqqaatu taasisa. Anniisaan lubbu-qabeeyyii fi humna bishaanii irraa argamu miidhaa jijjirama qilleensa baramaan lubbu-qabeeyyii irra gahu xiqqeessuuf gargaara.

Dandeettiin saffisaan jijjiirama qilleensa baramaa fi garaagarummaa qilleensa baramaan gahuu danda’u tilmaamuun Jaarraa 21ffaa keessatti kan waggoota 10,000 baroota dabranii caalaa fooyya’ee argama. Sanyiiwwan lubbu-qabeeyyii

Page 33: Galata - PHE Ethiopia

32 33

irratti jijjiiramni muldhachuu ni danda’a. Lubbu-qabeeyyiin naannoo tokko tokko jijjiirama qilleensa baramaatiif saaxilamuu danda’u. Jijjiiramni lubbu-qabeeyyii fi naannoo uumamaa irratti gahu jijjirama qilleensa baramaatiif gumaach guddaa godha.

Sadarkaa addunyaatti baroota durii (Pleistocene) keessatti jijjiiramni qilleensa baramaa bakka jireenyaa lubbu-qabeeyyii, naannoo uumamaa, teessuma lafaa fi lubbu-qabeeyyii (Biomes) irratti jijjiiramni guddaan akka dhufu taasisee jira. Jaarraa 21ffaa keessatti haala jijjiirama qilleensa baramaa waggoota miliyoona1.8 dabraniin wal bira qabuun ilaaluun ni danda’ama.

Dandeettiin yeroo ammaa sanyiiwwan lubbu-qabeeyyii adda addaa jijjiirama qilleensa baramaa sochii namaatiin uumamu dandamachuu gaafii keessa gala jira. Sanyiiwwan baay’een manca’uu, aramaa fi ilbiisonni miidhaa geessisan jiraachuu, hanqinni sanyiiwwan lubbu-qabeeyyii uumamuu, baay’inn wantoota lubbu-qabeeyyii ta’anii akka xiqqaatu godhee jira. Bara durii walii yoo wal bira qabamee ilaalamu hammi dabaliinsa oo’aa jijjiiramaa fi badiitii lubbu-qabeeyyii baay’eetiif sababa guddaa ta’eera.

Haalli mijaa’aan jiru badiitii sirna naannoo uumamaa naannoo qarqara galaanaatii fi lafa caffaasababa guddaadha. Hojii kunuunsaa fi haala waliitti fufiinsa qabuun faayidaa lubbu-qabeeyyii irraa argachuu dandeessisu keessaa tarsiimoo hiyyummaa hirdhisuu fi misoomaan walitti qabsiisanii deemuun murteessaadha. Dameelee adda addaa jidduutti walitti dhufinsi sirna qabeessa ta’e jiraachuun bu’aan guddaan akka argamu taasisa.

Sirni naannoo uumamaa qabeenya lubbu-qabeeyyii adda addatiin badhaadhe tokko fooyya’insa haala jireenyaa dhala namaatiif gahee guddaa qaba. Kunis haala qabatamaa nageenyaa, wantoota jireenyaaf barbaachisan, fayyaa namaa, walitti dhufeenya hawaasummaa gaarii, carraa bilisaan waan barbaadan argachuu fa’a cimsa.

Haalli kunis wantoota kallattii fi al-kallattiin jijjiirama fidaniin wal qabata. Jijjiiramoota al-kallattii kanniin jedhaman baay’ina ummataa, misooma diinagdee (Globalization), daldala, akaakuu imaammataa, sirna hawaas-siyaasaa, haallan bulchiinsaa fi akaakuuwwan dhaabbilee, saayinsii fi teeknooloojii, aadaa fi amantii fa’a.

Wantoonni kallattiin jijjirama fidan haala itti fayyadama lafaa irratti uumamu, sanyiiwwan adda addaatti fayyadamuu fi dhabamsiisuu sanyiiwwanii, itti fayyadama teeknooloojii, hojii qotiisa jallisii, qabeenya uumamaatti fayyadamuu, jijjiirama qilleensa baramaa, haala qabatamaa naannoo uumamaa fi dhoohinsa volkaanoo fa’a. Haalli kunis jireenya lubbu qabeeyyii naannoo irratti dhiibbaa uuma. Walitti hidhamiinsi kun sadarkaa naannoo, biyyoolessaa, kutaa fi addunyaatti wal qabateetiin argama. Jijjiiramni kunis, yeroo ammaa jijjiiramni qilleensa baramaa naannoo uumamaa irratti akka dhufu taasisee jira.

Tajaajiloota Sirna Naannoo Uumamaa (Ecosystem Service)

Tajaajiloonni sirna naannoo uumamaa baay’ee barbaachisaa ta’an:

Tajaajiloota deegarsaa: Fuula lafaa irratti haala mijaa’aa lubbu-qabeeyyii; uumamaa fi gabbina biyyee, marsaa soorata gaarii ,oomisha duraa, sirna wal hormaataa, facaatii sanyiiwwanii, uumama CO2 fi bakka jireenyaa,

Page 34: Galata - PHE Ethiopia

34 35

Tajaajiloota too’annaa: Too’annaa sirna naannoo uumamaa; qulqullina qilleensaa, madaalii qilleensa baramaa fi haala qilleensaa, lolaa bishanii fi harama biyyee too’achuu, qulqullina bishaanii, gattaawwan dhabamsiisuu, summaa’ina balleessuu, facaatii dhibee namaa too’achuu, adeemsa qotiisa lafaa fi horsiisa beeyiladootaa too’achuu, ilbiisotaa fi dhiibbaawwanii fi bubbee hobomboleettii ittsuu

Adeemsa argannaa: Oomisha naannoo irraa argamu; nyaata, mukkeen humna anniisaa (qoraan), biqiltoota uumamaan qorichaa yookiin dawaa ta’an, qabeenya sanyiiwwan adda addaa, wantoota fayyaaf ta’an bishaan qulqulluu, albuudota, cirrachaa fi wantoota lubbu-maleeyyii ta’an biroo fa’a.

Tajaajiloota aadaa: Bu’aawwan wantoota naannoo keessatti qabatamoo hin taanee; maalumaa fi garaagarummaa aadaa, sonawwan, miira hafuuraa, amantii, sirna beekumsaa, barnootaa fi haala miidhaaginaa, walitti dhufeenya hawaasummaa, jaala bakka jireenyaa, dabareewwan aadaa,bashannaniinsa, sirna tuurizimii fa’a.

Fakkii 6. Walitti hidhamiinsa lubbu-qabeeyyii, naannoo uumamaa fi dhala namaa jidduu jiru

Madda: WINROCK INTERNATIONAL INDIA, 2006

Fakkiin armaan olii fedhiiwwan adda addaa badii lubbu-qabeeyyii naannoo uumamaa hambisan agarsiisa. Faayidaan tajaajila sirna naannoo uumamaa akka wantoota gabaa irraa bitamanii fi gurguramanii osoo hin taane, tarsiimoo hiyyuummaa hirdhisuu fi misoomina qindoominaa fi murtii murteeffamu of keessatti ammata. Xiyyeeffannaan guddaan naannoo uumamaatiif kennamu argannaa tajaajiloota adda addaatiif bu’uura buusa.

Kun ammoo kunuunsaa fi misooma walitti fufiinsa qabu adeemsisuuf gargaara. Carraan murtiiwwan adda addaa waliigalteen garaagarumaa lubbu-qabeeyyii (Convention on Biological Diversity), Fireemworkii Mootummoota Gamtaa’anii Jijjirama Qilleensaa (United Nation Framework Convention of Climatic Change) haala ifa ta’ee fi hirmaannaa qabaniin adeemsa murtii kennuutiin akka raawwataman gargaara. Bulchiinsi sirna naannoo uumamaa fi kunuunsi lubbu-qabeeyyii tarsiimoo jijjirama qilleeensa baramaa ittisuuf

Page 35: Galata - PHE Ethiopia

34 35

haallan mijaa’aa qaban hundatti fayyadamuun murtii irra akka gahamu taasisa.

4.2 Haallan Faca’iinsa Lubbu-qabeeyyii Murteessan Biroo

Haallan gurguddoo yeroo ammaa jijjiirama qilleensa baramaa caalaa lubbu-qabeeyyii irratti dhiibbaa uuman:

Ciccituu fi badiitii bakkeewwan jireenyaa, uumama harama biyyeetii fi badiitii sanyiiwwanii

Sababa imaammata lafaatiin manca’iinsa naannoo jireenyaa, bakkeewwan gattaawwan itti kuufaman, cirama bosonaa fi biqiltootaa sochii hojii qotiisaa fi industiriitiif taasifamuun

Badiitii sanyiiwwan midhaanii fi beeyiladoota gurguddoo fi sanyiiwwan muraasa ta’an irratti hundaa’uu

Qabeenya uumamaatti gar-malee fayyadamuun dandeettiin lubbu-qabeeyyii deebi’anii ittiin bakka buufamuu danda’an xiqqaachuu

Faalama keessattuu, bishaan qulqulluu fi naannoolee qarqara galaanotaatti lubbu-qabeeyyii argaman irra gahuu

Walitti bu’iinsa namaa fi bineensota bosonaa sababa babaldhina hojii qonnaa fi qubannaa ummataatiin maandheewwan (bakkeewwan) jireenya bineensota bosonaa barbadeessuu, daandiiwwan hojjachuu, keessattuu, nannoolee arbaa fi hoosifttoonni hedduminaan keessatti argaman

Naannoolee bosonaa, qaamman bishaana’oo, lafa caffaa, sirna qonnaa keessatti babaldhina yookiin makamiinsa weerar sanyiiwwan alaa dhufanii fi

Heddumminni lakkoofsa ummataa dabaluu, edhii namaa guddachuu, qabeenya uumamaa naannoo fi sanyiiwwan adda addaa irratti dhiibbaa uumuu fa’a.

4.3 Kunuunsa Lubbu-qabeeyyii, Naannoo Uumamaatii fi Qilleensa Baramaa Beekuu

Kunuunsa lubbu-qabeeyyiitiif haallan barbaachisaa ta’an keessaa muraasni:

Kunuunsaa fi lubbu-qabeeyyii badan akka deebi’an taasisu,sanyiiwwan lubbu-qabeeyyii lakkofsaan xiqqaatanii fi badiitii irra gahan sirriitti eeguu, tajaajila sirna eegumsaa cimsuu

Wantoonni jireenya lubbu-qabeeyyii irratti dhiibbaa uuman kan akka faalamaa, gar-malee oomishaa, weerara sanyiiwwan alaa dhufanii xiqqeessuu

Bakkeewwan jireenya lubbu-qabeeyyii addaan faca’anii argaman hamma danda’ameen walitti qindeessssuu fi daanggeessuun bakka jireenyaa fi wal hormaataa taasisuu (naannoolee bosonaa, qarqara galaanotaa fi qaamman bishaana’oo) fa’a.

Gahumsa naannoolee kunuunsaa fi eegumsi godhameef guddisuun jijjirama qilleensa baramaatiin lubbu-qabeeyyii irra gahuu deebii kennuu

Naannoolee kunuunsa lubbu-qabeeyyii (biqiltootaa fi bineeldotaa)

Page 36: Galata - PHE Ethiopia

36 37

qophaa’an akka wal qabatanii fi tajaajila mijaa’aa kennuu danda’an haala mijaa’aa uumuu

Garaagarummaa lubbu-qabeeyyii jidduutti argamu eeguuf naannoolee jireenya wantoota lubbu qabeeyyii ta’anii addaan baasuun kanniin badanis akka deebi’an yaaluu fi

Wantoonni lubbu-qabeeyyii duraan naannoo keessatti argaman sirna wal hormaataa fi bakka buufamuu fi kanniin booda alaa dhufuun itti makaman waliin jiraachuu akka dandeessisan haala mijaa’aa uumuu fa’a.

Page 37: Galata - PHE Ethiopia

36 37

5. Itoophiyaa Keessatti Naannoolee Eegaman5.1 Seenaa Naannoolee eegamanii

Jijjiiramni qilleensa baramaa wantoota lubbu-qabeeyyii ta’anii fi qabeenya uumamaa irratti dhiibbaa uuma. Rakkina jijjiirama qilleensa baramaatiin

dhufu kana hubachuun Mootummaan Itoophoiyaa Sagantaa Guddinaa fi Tiraanisfoormeeshiinii keessatti tarsoomoo qolannaa/tittisuu/ baasuu, sagantaa hojii haala mijaa’aa qabu uumuu (National adaptation Program for Action, NAPA) fi sadarka biyyoolessaatti sochiin misoomaa magariisaa qilleensa baramaa irratti hundaa’e (the Climate Resilience Green Economy, CRGE) tarsiimoo qolachuu fi fooyyeessuu diriirsee jira.

Ijoon tarsiimoo qolannaa rakkoolee jijjiirama qilleensa baramaatiin gahanii eegumsa lubbu-qabeeyyii fi kunuunsa naannoo uumamaa irratti xiyyeeffata. Jechi “Eegumsa” jedhu Keeyyata 2 waa’ee naannoo murtaa’aa ta’e keessatti walii galtee eegumsa lubbu-qabeeyyii irratti ibsamee jira. Kunis kaayyooleen kunuunsaa barbaadaman akka bu’a argamsiisan gargaara.

Haa ta’u malee, naannooleen Itoophiyaa eegumsi godhamuufii baay’een sababa lafa qotiisaa qonnaan bultootaa fi ammayyaatiin mukkeen qoraanii fi ijaarsaaf oolan ciruun, naannooleen lafa margaa eegaman beeyiladoota baay’ee irratti bobbaasuun manca’anii argamu.

Badiitiin bosonaa fi manca’iitiin naannoolee eegumsi godhamuuf kanniin biro sababa baay’ina lakkoofsa ummataa,qabeenya uumamaa sirna malee itti fayyadamuu, meeshaalee oomishaa duubatti hafoo ta’anitt fayyadamuu, seerri jiru tarkaanfii fudhachuu laafaa ta’uu fi hubannoon hawaasni waa’ee dhiibbaa qilleensa baramaa irratti qabu xiqqaa ta’uun naannooleen rakkoolee cimina qaban adda addaatiif akka saaxilaman taasifamanii jiru.

Waan kana ta’eef, adeemsi kunuunsa lubbu-qabeeyyii fi sirna naannoo uumamaa Itoophiyaa misooma waliti fufiinsa qabu mirkaneessuu,dhiibbaawwan jijjiirama qilleensa baramaatiin gahan qolachuu fi haallan jireenyaaf barbaachisaa ta’an argamsiisuun murteessaadha.

5.1.1 Faayidaalee Naannoole/Bakkeewwan/Eegamanii

Naannooleen eegaman fooyya’iinsa haala jireenya namaatiif faayidaa guddaa kennu. Bu’aawwan naannoolee eegumsi godhamuuf kudhan(10) kanniin armaan gadii fa’a.

Eegumsa lubbu-qabeeyyii: Sanyiiwwan lubbu-qabeeyyii naannoolee qarqara galaanotaa akka hin badne (keessattuu, lubbu-qabeeyyiin qaamman bishaana’oo fi lafa caffaa’aa keessatti argaman)

Eegumsa lubbu-qabeeyyii: Qabeenya uumamaa fi lubbu-qabeeyyii adda addaa haala walitti fufiinsa qabuun kanniin meeshaalee dheedhii oomisha adda addaatiif oolan kennan kunuunsuu

Naannoolee bishaan irraa yaa’u (Watershade): Naannoolee bishaan irra gad kallattiiwwan adda addaatti irraa yaa’an anniisaa elektiriikii maddisiisuu, qotiisa jallisiitii fi meeshaalee bishaan raabsan dhaabuun kunuunsuu

Bubbee hobomboleettii ittsuu: Naannoolee qarqaa galaanotaa

Page 38: Galata - PHE Ethiopia

38 39

(keessattuu, lubbu-qabeeyyii xixiqqoo qaamman bishaana’oo fi lafa caffaa keessa jiraatan) akka bubbeen rooba guddaan wal make hin balleessine eegumsa godhuu

Faayidaa Tuuruuzimii: Haala naannoo uumamaa irratti hundaa’uun damee tuuriizimii misoomsuun bakkeewwan bashannaniinsaa babaldhisuu

Haala qilleensa naannoo mijeessuu: Haala qilleensa naannoo mijeessuun akka hawaasni naannoo itti fayyadamu taasisuu

Bu’aawwan qabeenya bosonaa argamsiisuu: Oomisha wantoota bu’aawwan mukkiinii hin taane babaldhisuu fi mukkiin tajaajila adda addaatiif oolchuu

Gabbina biyyee eeguu: Daagaa biyyee ijaaruu, harama biyyee too’achuu fi wantoota gabbina biyyeetiif tajaajilan akka hin badne godhuu

Jeequmsa kaarboonii: Sababa hojii namaatiin jeeqamiinsi kaarboonii qilleensa marsaa lafaa keessatti uumamuun jijjiirama qilleensa baramaa uuma.

Barbaachisummaa barnootaa fi qo’annoo: Qo’annoo saayisaawaa fi barnootaaf naannooleen haala mijaa’ina qabuun naannoowwan lubbu-qabeeyyii adda addaa, hawaasummaa fi diinagdee daangeessuun tajaajila kennuu

Sonawwan aadaa: Bakkeewwan aadaa fi qabeenya uumamaa barbaachisoo ta’an, hambaawwan seenaa fi qalbii ummataa harkisuu danda’an kunuunsuu fa’a.

5.1.2 Rakkoolee Ciccimoo Naannoolee /Bakkeewwan Eegamani

Sodaawwan gurguddoon muraasi naannoolee eegamanii kanniin armaan gadiiti.Isaanis:

Naannoolee eegumsi godhamaafii jiran keessaa osoo bakka hin buusin wantoottan dhabamsiisuu(biqiltoota, bineeldotaa fi sanyiiwwan lubbu-qabeeyyii bishaan keessaa),

Haallan naannoolee eegamanii fooyyeessu: balaawwan hojii qotiisaa fi horsiisa beeyiladaatiin dhufan manca’in lubbu-qabeeyyii adda addaa, faalama, adamoowwanii seeraan ala mukkiin ciruu fa’a,

Hirdhin gabbinaa: sababa cirama bosonaatiin gahe, ijaarsa daandiiwwanii, babaldhachuu qubannaa ummataa fi hojii albuuda baasuu,

Naannoo biro irraa addaan baasuu:naannoolee eegumsi godhamuuf naannoolee biro irraa addaan baasuu fi

Babaldhina sanyiiwwan naannoo uumamaa sanii yookiin naannoolee eegamanii hin taanee fa’a.

Haalli uumama lafa Itoophiyaa amallan gurguddoo lama qaba. Inni duraa naannoo durii gogaa naannoo Gaafa Afrikaatti argamu kan wantoota uumamaa sadiin badhaadhan, Oogaadeenii fi Ficaa’aawwan Itoophiyaa keessatti argaman fa’a. Kan lammaffaa ammoo, Naannoolee lafa pilaatoo qilleensa mijaa’aa fi jiidhinsa qaban ennaa ta’an, naannooleen lafa ol ka’oo

Page 39: Galata - PHE Ethiopia

38 39

Itoophiyaa keessatti adda adda faffaca’anii argaman qabeenya uumamaatiin badhaadhanii argaman.

Naannoon Gaafa Afrikaa gogaa fi naannooleen lafa ol ka’oo baay’ina qabeenya lubbu-qabeeyyiitiin fooyya’iinsa qabu. Itoophiyaan sanyiiwwan biqiltootaa hidda marsaa dhangala’oo qaban 6000, gosoota allaattiiwwanii 860, gosoota hoosiftootaa 279, gosoota lubbu- qabeeyyii lafa irra looyanii 201, gosoota lubbu-qabeeyyii qaamman bishaana’oo keessa galanii 23 fi qurxummiiwwan bishaan sooqqidda hin qabne keessatti argamnii 150 ta’an qabdi.

Biqiltoonni Itoophiyaa gosoota sanyii shanitt irratti hundeeffamu. Isaanis: Suudaanii, Koongoo-Giinii,Naannoo Gogaa Saahiil, Somaalee-Masaayii fi lafa ol ka’oo naannoo qilleensa baddaa fa’a. Kunis, bakkeewwan sirna uumaam biqiltooaa 10 (kudhanitti) qoodama.

1. Biqiltoota naannoo lafa baddaa diilallaa’aa2. Bosona magariisa lafa baddaa gogaa fi lafa margaa3. Bosona jiidhaa magariisa lafa ol ka’oo4. Bosona jiidhaa magariisa lafa dakee5. Bosona Koongoo- Giinii keessatti argaman6. Lafa mukkiin waaccuu fi marga furdaa7. Lafa mukkiinii fi margi walmakaa8. Lafa mukkiin waaccuu fi mukkiin adda addaa9. Harawwan, lafa caffaa fi laggeen10. Naannoo goggoogaa lubbu-qabeeyyiiti.

Sadarkaa addunyaatti faayidaan qabeenya lubbu-qabeeyyii kan beekame kunuunsa naannoolee sadarkaa addunyaatti godhamaafii jiru irraayi. Itoophiyaan bakkeewwan lubbu-qabeeyyii beekamoo ta’an lama jidduutti argamti. Isaanis naannoo Gaafa Afrikaa fi lafa ol ka’oo Itoophiyaa (bakkeewwan beekamoo gaarreen bahaa) keessatti argaman fa’a. Naannoon kun bakka lubb-qabeeyyiin adda addaa baay’inaan keessatti argamanii fi naannoolee lafa baha Itoophiyaa sarara bishaanii sirrii irra galaanaa olitti meetira 1,100 irratti argamanii fi naannoolee lafa ol ka’oo ol ka’iinsa sarara bishaanii sirrii irra galaanaa irraa meetira1,100 olitti argamanis ni dabalata.

5.2 Akaakuu fi faca’iinsa naannoolee eegamanii

Bakkeewwan itti argaman, bara itti ijaaraman, baldhina daangaa lafa naannoolee eegamanii, akaakuuwwan paarkootaa biyyoolessaa, bakkeewwan bineensonni bosonaa itti argaman, bakkeewwan bineensonni bosonaa gara fuulduraatiif keessa turan, naannoolee hawaasaan kunuunfaman, naannoolee adamoon keessatti adeemsifamuu fi biqiltoonni adda addaa itti kunuunfaman

Page 40: Galata - PHE Ethiopia

40 41

Guca 3 Akaakuu fi Facaatii Naannoolee Eegamaii

S/No

Name of the Protected Area

Regional distribution

Years of establishment

Area coverage in square kilometer

I. National Parks1 Kafeta Shiraro Tigray 2007 2117

2 Simien Mountains Amhara 1966 412

3 Alatish Amhara 2005 2666

4 Bahir Dar Blue Nile RiverMillennium

Amhara 2008 4729

5 Borena Sayint Amhara 2008 43256 Yangudi-Rassa Afar 1977 47317 Awash Oromiya and

Afar1966 756

8 Dati Wolel Oromiya 2010 10359 Bale Mountains Oromiya 1970 220010 Borena Oromiya 2013 100011 Abijata Shala Oromiya 1970 88712 Arsi Mountains Oromiya 2011 93813 Geralle Somali 2006 385814 Gambella Gambella 1974 506115 Nechsar SNNPR 1974 51416 Omo SNNPR 1967 356617 Mago SNNPR 1974 194218 Maze SNNPR 2005 22519 Gibe Sheleko SNNPR 2009 24820 Loka Abaya SNNPR 2009 50021 Chebra Churchura SNNPR 1997 1190II. Wildlife Sanctuaries1 Babille Elephant

SanctuaryOromiya and Somali

1969 6982

2 Sinkele Swayne’s HartebeestSanctuary

Oromiya and SNNPR

1972 54

III. Wildlife Reserves1 Chelbi SNNPR - 4212

Page 41: Galata - PHE Ethiopia

40 41

2 Allidegli (Halaldeghe)

Afar - -

3 Lemo Limo Nature Reserve

Amhara - -

IV. Community Conservation Areas1 Tama SNNPR - 16652 Simien Gibe SNNPR 2001 493 Garameba SNNPR 2001 254 Guassa Menz Amhara - 1105 Abuna Yoseph

(near Lalibela)Amhara - 50

6 Lepis Forest Oromiya - -V. Wildlife Rescue Centers1 Ensessakotteh

WildlifeRescue, Conservation andEducation Centre, Holeta

Oromiya 2009 0.78

2 Tara Primate Centre

Amhara - -

VI. Controlled Hunting Areas

1 Asbahire Afar 2012 1742 Billen Hertele Afar - 10903 Chifera Afar 1998 5104 Melka Sedi Afar 2012 1225 Telalak-Dewe Afar - 5806 Abasheba

DemeroOromiya 1994 166

7 Alluto Oromiya - 2808 Arbagugu Oromiya 1995 3389 Besemena-

OdobuluOromiya 1993 350

10 Dindin Oromiya - 28511 Hanto Oromiya 1991 20612 Haro Abadiko Oromiya 2000 24413 Hurfa Soma Oromiya 2000 23114 Munessa-Kuke Oromiya 1993 11115 Shedem Berbere Oromiya 1988 17016 Urgan Bula Oromiya 2000 7817 Murulle SNNPR - 690

Page 42: Galata - PHE Ethiopia

42 43

Fakkii7. Itoophiyaa keessatti akaakuuwwan naannoolee eegamanii

18 Welshet-Sala SNNPR 2000 288

19 Dembel-Aysho-Adigala

Somali 2012 910

20 Shenile Meto Somali 2012 484VII. Biosphere reserves1 Yayu Oromiya 2010 4672 Kafa Coffee Forest

RegionSNNPR 2010 760

3 Sheka (close to Gambela andGodere)

SNNPR - -

4 Lake Tana Amhara - -

James Young, 2012 and ECA, 2013Hubachiisa: ------ Kan raga (data) hin qabneNSSUKI—Naannoo Saba, Sab-lammiiwwanii fi Ummattoota Kibba Itoophiyaa

Page 43: Galata - PHE Ethiopia

42 43

5.3 Naannoolee/bakkeewwan/eegamanii fi diinagdee magariisaaf mijaa’ina qilleensa baramaa

Itoophiyaa keessatti naannooleen eegumsi godhamuufii qabeenya biqiltootaa fi bineeldotaatiin kan badhaadhanii fi balaa/gaaga’ama/guddaa kan qaban naannoolee kunuunsa lubbu-qabeeyyii, naannoo deebisanii ijaaruu, wantoota jireenyaaf barbaachisan bakkeewwan eegumsi godhamuuf keessatti haala walitti fufiinsa qabuun argamsiisuu xiyyeeffannaa fi dursi kennamuufii qabaniidha.

Balaan guddaan yeroo ammaa bakkeewwan eegumsi godhamaafii jiran kanniin mudatan baay’ina lakkoofsa ummataa fi babaldhinna hojii qonnaa, babaldhina lafa qotiisaa, dabaliinsa fedhii anniisaa, hiyyummaa fi hanqina midhaan nyaataa, walitti bu’iinsa namaa fi bineensota bosonaa, bakkeewwan eegaman keessatti saffisaan jijjiirama haala naannoo uumamaa, badiitii lubbu-qabeeyyii adda addaa fi dhiibbaa jijjiirama qilleensa baramaa fa’a.

Rakkoolee kanniin maqsuuf tarkaanfiin fudhatamuu qabu walitti qindoomina qaamman adda addaa kan barbaadu ta’uu, sadarkaa naannootti kaayyoon kunuunsa bakkeewwan eegamanii fiixaan baasuuf wantoota jireenyaaf barbaachisan haala fooyya’iinsa qabuun argamsiisuun hawaasnii fi bineensonni bosonaalle tasgabbiin akka jiraatan taasisa.

Haalli kunis bakkeewwan eegaman keessatti kaayyoon gama hawaasummaa, diinagdee fi naannoo uumamaa akka fiixaan bahu godha. Kunuunsi bakkeewwan eegamaniif godhamu jireenya lubbu qabeeyyiitiif baay’ee barbaachisaa ennaa ta’u, tasgabbaa’ina naannoo uumamaa, fooyya’iinsa diinagdee, dabaliinsa galii biyyoolesaa dame tuuriizimii, galiin bu’aa oomishaa fi tajaajiloota lubbu-qabeeyyii naannoo uumamaa irraa argaman qabeenya maddi isaa hin gogneedha.

5.3.1 Tarsiimoo CRGE

Tarsiimoon qilleensa baramaa Itoophiyaa kan misoom diinagdee magariisaa Mootummaan Itoophiyaa bara 2011tti qophaa’e. Tarsiimichi kan irratti xiyyeeffate bara 2025tti Itoophiyaan misooma diinagdee magariisaa qilleensa baramaa irratti hundaa’ee adeemsiisuun sadarkaa biyyoota galii jiddu-galeessa qabanitti guddachuu danda’uu isiiti.

Kunis kan agarsiisu Itoophiyaa Sagantaa Guddinaa fi Tiraanisfoormeeshiinii fi Kaayyoowwan Bar-kumee haala walitti fufiinsa qabuun bakkaan gahuu, hamma gad lakkifamiinsa kaarboonii xiqqeessuu, humna guddina misooma diinagdee cimsuu, daandii misooma magariisaa hordofuun misooma diinagdee fi kunuunsa naannoo uumamaa walitti fufiinsa qabu misooma diinagdee magariisaatiif bu’uura akka ta’e agarsiisa. Tarsiimoon hawwii guddina CRGE utubaawwan afur irratti hundeeffama.Isaanis:

Oomisha qotiisaa fi horsiisa beeyiladoota fooyyeessuun hanqina midhaan nyaataa dhabamsiisuu,galiin qonnaan bultootaa akka dabaluu fi damee qonnaa irraa hammi gad lakkifamiinsa kaarboonii akka xiqqaatu taasisuu,

Bosonnan kunuunsuu fi akka deebi’anii marganii guddina diinagdee fi naannoo uumamaatiif gumaachanii fi bosonnan naannoo xuuxama kaarbooniitiif akka mijaa’an taasisuu,

Qabeenya uumamaa bakka buufamuu danda’an irraa anniisaa elektirikii

Page 44: Galata - PHE Ethiopia

44 45

maddisiisuun tajaajila biyya keessaa fi gabaa biyyoota ollaatiif anniisaa/humna/ barbaadamu dhiyeessuu fi

Anniisaa gahaa teeknooloojii ammayyaa irratti hundeeffame damee geejjibaa, industirii fi ijaarsaatiif qopheessuu, hamma gad lakkifamiinsa gaasota oo’a dabalanii gara zeerootti gad buusuu fi baasii xiqqaan kaayyoolee Sagantaa Guddinaa fi Tiraanisfoormeeshiinii fiixaan baasuu fa’a.

Diinagdeen magariisni yookiin yaad-rimeen daandii misooma magariisaa michooma naannoo uumamaa waliin qabaachuun kunuunsa qabeenya uumamaa, gahumsa inveestimeentii misooma magariisaa horachuu,faalamaa fi gad lakkifamiinsa gaasota oo’a dabalanii kanniin adeemsa oomisha naannoo irratti badii geessisan xiqqeessuu, oomishtootaa fi tajaajiloota faayida qabeessa ta’anii fi naannoo uumamaa irratti miidhaa hin geessine babaldhisuu, daandii misoomaa walitti fufiinsa qabuu fi hiyyummaa maqsuu fi hawaasa tasgabbaa’ina qabu ijaaruu fa’a. Kanas fiixaan baasuuf kaayyoon CRGE kan irratti hundaa’e:

Kallattii misooma walitti fufiinsa qabu kan gara fuulduraa

Wal qixxummaa fi hiyyummaa maqsuu

Dandeettii saffisaan balaa irraa dandamachuu

Qindoominaan hojjachuu fi

Naannoo uumamaa tasgabbaa’aa fa’a.

Bakkeewwan eegumsi godhamaafii jiran yaaddan kanniin fiixaan baasuuf jeequmsa gad lakkifamiinsa gaasota oo’iinsaatiin/kaarbooniitiin/ uumamu xiqqeesssuu fi qilleensa guddina misooma diinagdee magariisaatiif ta’u uumuu keessatti gahee guddaa qabu. Tarsiimoon CRGE kan irratti xiyyeeffatu bakkeewwan eegumsi godhamaafii jiran sirnaan kunuunsuu, dhiibbaa jijjiirama qilleensaatiin dhufuu danda’uu fi misooma naannoo uumamaatiin wal qabatuun wantoonni jireenyaaf barbaachisan biyya keessatti akka guutaman /argaman/taasisuudha.

5.3.2 Damee Bosonaa Iirratti Xiyyeeffannaa Guddaa CRGE

Guddina diinagdee fi tajaajila naannoo uumamaa bu’a qabeessa ta’e adeemsiisuun kaayyoo Sagantaa Guddinaa fi Tiraansifoormeeshiinii bakkan gahuu ciramaa fi manca’iinsi bosonaa hafuun murteessaadha.Bosonnan madda mukkiin qoraanii(anniisaa) keessaa 80% qabachuun sadarkaa maatiitti tajaajila kan kennan ennaa ta’an baadiyaa keessatti ammas madda guddaa anniisaa ta’uun argama. Bosonnan oomishoota biyya keessatti oomishaman keessatti qoodni qaban gara 4%tti tilmaamama. Kunis oomisha dammaa, madda qabeenya bunaa,mukkiin tajaajiloota adda addaatiif oolanii fi kanniin biros ni dabalata.

Bosonnan madaala naannoo uumamaa fi qilleensa baramaa eeguu keessatti gahee guddaa qabu. Badiitiin biyyee fi qabeenya bishaanii, yaa’iinsa bishaan laggeenii fi sulullanii too’achuun akka hin badne taasisuu, kunuunsa lubbu-qabeeyyii, kaarboonii xuuxuun jeeequmsi kaarboonii akka hin uumamne taasisuu, qilleensi fayyaa namaatiif mijaa’aa akka ta’u qulqulleessuu, gabbina biyyee fooyyeessuu fi oomishtummaan lafaa akka dabalu gumaacha

Page 45: Galata - PHE Ethiopia

44 45

guddaa godhu. Bosonnan Itoophiyaa misooma guddina diinagdee fi naannoo uumamaatiif faayidaa guddaa qabaatanis karaa hedduun sodaan mudachuunii danda’u.

Mukkeen qoraanii fi ijaarsaa, oomisha qonnaatiif fedhiin ummataa dabaluun babaldhina lafa qonnaa, ciramaa fi manca’iinsa bosonaa saffisaan akka dabalu godhee jira. Akka tarsiimoon qophaa’e agarsiisutti bara 2010-2030tti baldhinni lafa bosonni irraa ciramee hektaara miliyoon 9 akka ta’u, haala misoomaa mala aadaatiin yeroo ammaa adeemsifamu kana irratti tarkaanfiin osoo hin fudhatamin itti deemnaan rakkoo guddaa kan uumu ta’uu isaati. Yeroma ibsame kana keessatti waggaatti hammi mukkiin qoraanii itti fayyadamanii gara 65% akka ol ka’u tilmaamama. Kun ammoo manca’iinsa bosonaatiin mukkiinToonii miliyoona 22 ol ta’an akka ciramanii badan taasisa.

Dabalataanis, dhiibbaa qonni damee bosonaa irratti qabu xiqqeessuuf tarkaanfiin fudhatamuu qaba. Akka tarsiimootti CRGEn naannoolee sadii misooma bososnaa walitti fufiinsa qabuu fi fedhii anniisaa mukkeenii biyya keessatti dandeessisan:

Fedhii mukkiin qoraanii sunsummaan humna qoraan boba’u qusatanii fi sirnaan tajaajilan babaldhisuu, meeshaalee fi teeknooloojiiwwan nyaata bilcheessuu gargaaran kanniin adda addaa (elektiriikii, buttaa gaasii peetirooliyeemii, baayoogaasii fa’atti fayyadamuun manca’iinsa bosonaa xiqqeessuu,

Naannoo bosoneessuu,bakkeewwam bosonnan irraa ciraman irratti biqiltoota deebisanii dhaabuu, bulchiinsa qabeenya bosonaa cimsuun akka bosonnanii fi lafa mukkiinii keessatti hammi xuuxamiinsa kaarboonii dabalu taasisuudha. Haalli kunis bosonnan Itoophiyaa keessatti hammi kuufama kaarboonii akka dabalu taasisuun bosonnan haala mijaa’ina qabuun akka guddatanii fi gaasonni oo’aa akka gad hin lakkifamne taasisuun hammi kaarboonii bakkeewwan bosonni irra ciramee fi manca’e keessaa gad lakkifamu caalaa mukkiin yookiin biqiltoota guddataa jiran keessatti akka kuufamu taasisu.

Haallan naannoolee horsiisee bulaa fi naannoolee qotiisaa manca’anii deebisanii fooyyeessuuf gargaaran kanniin adda addatti fayyadamuun gabbina biyyee fooyyeessuu fi jeequmsa kaarboonii irra lafaa fi qaama dachee keessaa akka xiqqatu taasisuu fa’a.

5.3.3 Manii CRGE Damee Bosonaa Bara 2030

Dameen bosonaa, lafa bosonaan uwwifame hektaara miliyoona 5 fi mukkeeniin uwwifame hektaara 2 walumatti gara 50% ta’u qabeenya biqiltoota biyyaa keessaa CO2 Meegaa Toonii 130 kan (Meetirik Toonii 1n walgitu) ta’uu akka damee tokkootti gad lakkifamiinsa gaasota oo’aa hirdhisuu kaarboonii bifa mukaatiin kuusuu, sadarkaa ciramaa fi manca’iinsa bosonaatiin dabaliinsa gad lakkifamiinsa gaasota oo’aa xiqqeessuu fa’a,

Rakkoo ijoo fedhii mukkiin qoraanii hambisuuf istooviiwwan gahumsaan tajaajila midhaan bilcheessuuf gargaaran babaldhisuun hamma gad lakkifamiinsa CO2 Meegaa Toonii 35 hirdhisa. Meeshaalee nyaata bilcheessuuf haala fooyya’aan gargaaran kannii biro elektiriikii, eetirooliyeemii, buttaa gaasii walummatti gad lakkifamiinsa CO2 Meegaa Toonii 15 gad xiqqeessu. Dandeettii kuufama barbaachisu:

Page 46: Galata - PHE Ethiopia

46 47

Maatiiwwan miliyoona 30 ol ta’an akka istooviiwwan gahumsa qabaitti fayyadaman taasisuu,

Lafa bosoneessuu (Afforestation) lafa hektaara miliyoona 2

Biqiltoota deebisanii dhaabuu (Reafforestation) lafa hektaara miliyoona 1

Bulchiinsa damee qabeenya bosonaa foyyeessuu (lafa bosonaa miliyoona 2 fi lafa mukaa hektaara miliyoona 2) akka hammi gad lakkifamiinsa CO2 Meegaa Toonii 40 ta’u caalaa akka dabaluu fi kana caalaa ammoo damee bosonaa keessatti akka hin turre taasisa. Dhiibbaa qonni damee bosonaa irratti qabu meeshaalee teeknooloojii qonnaatti fayyadamuun, naannoolee lafa manca’aniitti misooma jallisii babaldhisuun sababa cirama bosonaatiin gad lakkifamiinsa gaasota oo’aa bara 2030tti Meegaa Toonii 40tti tilmaamamu xiqqeessuun ni danda’ama.

Guca 4. Guduunfaa Qindoominaa fi Dhiibaa Damee Bosonaa Hirdhina Gad Lakkifamiinsa Gaasota Oo’a

Qindoomina wantoota

gurguddoo gad lakkifamiinsa

xiqqeessan

Ciicattoot muraasa Bu’aa naannoolee

Dhiibbaa qonni bosonaIrra geessisu xiqqeessuu

Lafa murtaa’e irratti haala qonnaa fooyyeessuu

Fedhii lafa qonnaa haarawaa xiqqeessuu, sanyii midhaan gaariitti fayyadamuun oomisha dabaluu

Jallisii sadarkaa jiddu-galeessaa fi Ol aanaa qopheessuun lafa qonnaa haarawa babaldhisuu

Bosona irraa gara lafa haarawaatti cehuun lafti bosonni irraa manca’e akka deebi’ee fooyya’u jallisii fi xaa’oo uumamaatti fayyadamuu

Jallisii xixiqqoo hojjachuu lafa qonnaa haarwa qopheessuu

Naannoo lafa bosona manca’ee irraa gara lafa qonnaa haarawa qophaa’etti cehuun jallisii fi xaa’oo uumammatti fayyadamuu

Page 47: Galata - PHE Ethiopia

46 47

Fedhii mukkiin qoraanii xiqqeessuu

Istooviiwwan muka qoraanii qusatan

Istooviiwwan mukkiin qoraanii qusatanitti fayyadamuun fedhii mukkiin qoraanii xiqqeessuu(keessattuu, naannoo baadiyaa)

Istoovii elektiriikii Istoovii elektiriikiitti

fayyadamuu (keessattuu, naannoolee magaalotaa)

Istoovii buttaa gaasii

Istoovii buttaa gaasiitti fayyadamuu

Baayoo Gaasii

Istoovii Baayoo gaasii (keessattuu naannoo

baadiyaa)

Jeequmsa Kaarboonii xiqqeessuu

Lafa bosoneessuu fi bakkeewwan bosonni irraa cirame irratti biqiltoota deebisanii dhaabuu

Sadarkaa ol aanaan lafa bosoneesssuu fi bakka bosonni irraa cirame irratti biqiltoota deebisanii dhaabuu

Bulchiinsa qabeenya bosonaa

Sagantaa baldhaa bulchiinsa bosonaa diriirsuu

Madda:GoE CRGE,2011

Page 48: Galata - PHE Ethiopia

48 49

Kitaabilee Wabii:ADB (2010). Sector Vulnerability Profile: Biodiversity and Ecosystem Services, Strengthening Capacity for Climate Change Adaptation, climate change secretariat SRI LANKA.

ADB (2010). ADB Climate Change Programs: Facilitating Integrated Solutions in Asia and the Pacific, Manila, Philippines.

American National Research Council (2012). Climate Change evidences, impacts, and choices: answers to common questions about the science of climate change, National Research Council of the National Academies, USA.

ASEAN Social Forestry Network (ASFN)( 2008). Malaysia Report to Second Meeting of the ASFN, Bangkok, 27-29 August 2008.

CARE (2010). Toolkit for Integrating Climate Change Adaptation into Development Projects

Digital Toolkit – Version 1.0 produced in collaboration with the International Institute for Sustainable Development (IISD)– July 2010, USA.

CITY OF PORTLAND AND MULTNOMAH COUNTY (2009). CLIMATE ACTION PLAN 2009. WWW.PORTLANDONLINE.COM/BPS/CLIMATE.

Charlotte Sterrett (2011). Review of Climate Change Adaptation Practices in South Asia: Oxfam Research Reports, Climate Concern, Melbourne, Australia.

EWCA(2013). Distribution of National Parks, Wildlife Sanctuaries, Wildlife Reserves, Community Conservation Areas, Wildlife Rescue Centers, Controlled Hunting Areas, and Biosphere Reserves in Ethiopia, unpublished data, Addis Ababa, Ethiopia.

Eliasch (2008). The Eliasch Review 2008. Climate change: Financing global forests, UK, London.

EPA (2009). EPA Initiatives and Programs to Address Climate Change, U.S. EPA Region 2, New York Energy Forum, New York, USA.

FAO(2008). DISASTER RISK MANAGEMENT SYSTEMS ANALYSIS: A guide book for DRM system analysis, ENVIRONMENT, CLIMATE CHANGE AND BIOENERGY DIVISION, Rome, Italy.

Global Leadership for Climate Action(2009). Facilitating an International Agreement on Climate Change: Adaptation to Climate Change, A proposal for Global Leadership for Climate Action, June 2009.

GoE (2011). Ethiopia’s Climate-Resilient Green Economy (CRGE) strategy, Addis Ababa, Ethiopia.

International Federation of Red Cross and Red Crescent Societies (1999). A guide to vulnerability and capacity assessment produced with the financial support of the Britain’s Department for International Development (DFID), Disaster and Risk Reduction Progremme Forum, Geneva, July 1999.

International Research Institute for Climate and Society/IRI(2011). A

Page 49: Galata - PHE Ethiopia

48 49

Better Climate for Disaster Risk Management. International Research Institute for Clim ate and Society (IRI), Climate and Society No. 3, Columbia University, New York, USA.

IPCC (2007c). “Summary for Policymakers”, Climate Change 2007: The Physical Science Basis. Contribution of Working Group I to the Fourth Assessment Report of the Intergovernmental Panel on Climate Change, Cambridge University Press, Cambridge andNew York, NY.

James Young (2012). Ethiopian Protected Areas, A ‘Snapshot’: A REFERENCE GUIDE FOR FUTURE STRATEGIC PLANNING AND PROJECT FUNDING, Addis Ababa, Ethiopia.

Lewis, S. et al. (2009). Increasing carbon storage in intact African tropical forests. Nature, 19 February 2009.

Martin Khor (2011). RISKS AND USES OF THE GREEN ECONOMY CONCEPT IN THE CONTEXT OF SUSTAINABLE DEVELOPMENT, POVERTY AND EQUITY, Research paper, 40, Geneva, Switzerland.

Secretariat of the Convention on Biological Diversity (2004). BIODIVERSITY ISSUES FOR CONSIDERATION IN THE PLANNING, ESTABLISHMENT AND MANAGEMENT OF PROTECTED AREA SITES AND NETWORKS, CBD Technical Series No 15, Montreal, Quebec, Canada.

PHE EC(2013). Building Institutional Capacity and Participatory Leadership in Awash and Simien Mountains National Parks for Resilience, Mitigation and Adaptation to Climate Change (BICAS-RMACC) project proposal submitted to SCIP for funding, Addis Ababa, Ethiopia.

Sierra Nevada Alliance( 2007 ). Sierra Climate Change Toolkit: Planning ahead to protect Sierra natural resources and rural communities, 2nd edition, 2007, South Lake Tahoe..

Stern, N. (2006). Stern Review: The Economics of Climate Change. Cambridge University Press, Cambridge, UK.

Scientific Expert Group on Climate Change (2007): CONFRONTING CLIMATE CHANGE: AVOIDING THE UNMANAGEABLE AND MANAGING THE UNAVOIDABLE, Xi, Research Triangle Park, NC, and the United Nations Foundation, Washington, DC, USA.

Turner, et al (2003). A framework for vulnerability analysis in sustainability science. PNAS, 100(14).

UNEP (2008). Towards a Green Economy, United Nations Environmental Programme, Geneva, Switzerland.

UNEP(2009). A Preliminary Stocktaking: Organizations and Projects focused on Climate Change Adaptation in Africa, United Nations Environmental Programme, Nairobi, Kenya.

UNEP et al( 2011). Green economy: Why a Green Economy Matters for the Least Developed Countries, Nairobi, Kenya.

Page 50: Galata - PHE Ethiopia

50 51

UNEP et al (2012). Green Economy in a Blue World: Synthesis Report, Geneva, Switzerland.

U.S. Environmental Protection Agency(2007). Climate Change Technologies and Programs: World Environment Day, Washington, DC, USA.

WINROCK INTERNATIONAL INDIA(2006). Proceedings of the International Workshop on Vulnerability and Adaptation to Climate Change: From Practice to Policy, May 11-12, 2006, Hotel Metropolitan Nikko Bangla Sahib Road, New Delhi 110001, India

WMO and UNEP( 2012). MANAGING THE RISKS OF EXTREME EVENTS AND DISASTERS TO ADVANCE CLIMATE CHANGE ADAPTATION: SPECIAL REPORT OF THE ERGOVERNMENTAL PANEL ON CLIMATE CHANGE (IPCC), USA.

World Bank (2008a), Development and Climate Change. A Strategic Framework for the World Bank Group, Consultation Draft, August 2008.

WTO and UNEP (2009). Trade and Climate Change: A report by the United Nations Environment Programme and the World Trade Organization, Geneva, Switzerland.

Page 51: Galata - PHE Ethiopia

50 51

Page 52: Galata - PHE Ethiopia

52 PB

Design+Print: PH

ILMO

N PR

ESS